Gaafa Ammajjii 16, 2013 fuulli feesbuukii  Taajudin Ahamad  jedhamu, kan hanga  gaafa barruun kun baraa’uutti hiriyoota fuula feesbuukii  3,953 qabu, suuraa armaan gadii kana maxxansuudhaan Muummichi ministeeraa Fidiraala Dimokiraatawa Ripaablika Itoophiyaa haalan dhukkubsatee Hospitaalatti waldhaansa fudhataara jedhe. Maxxansi fuula feesbuukii kunis kan maxxanfame erga yeroo darbe Muummichi ministeeraa ija miidiyaa jalaa dhokataanii booda. Hanga ammaatti maxxansi kun namoota 28-iin qoodameera. Haa ta’uu malee, HaqCheck taatee raawwatame jedhamee fi suuraa akka ragaatti dhihaate qorachuudhaan suurichi Muummicha ministeeraa dhukkubsatee hospitaalatti yaala fudhataa jiru akka hin agarsiifne dhugoomseera. Kanaafuu ,maxxassichi kan jijjiirameedh jedheera. 

 Ija miidiyaa duraa dhabamuu Muummicha misteeraa wajjiin wal qabtee tibba darbe kana haala fayyaa Muummicha ministeeraa ilaalchisuudhaan shakkii fi guungummiin adda addaa bahaa tureera. Namoonni tokko tokko Muummichi ministeeraa haalaan dhukkubsatee yaalaaf  gara biyya Awuroopaa deemera yoo jedhan, namoonni kuunneen immoo inummaayyuu Muummichui ministeeraa lubbuun hin jiru jedhaa turaniiru.  Yeroo kalattii adda addaarraa guungummiin bifa kanaa ka’aa turetti biiroon Muummicha ministeeraa oduun waa’ee fayyummaa Muummicha ministeeraa wajjiin wal qabtee deddeemaa jiru soba ta’uu fi Muummichi ministeeraa hojii idileesaarra jiraachuu ibsee ture. Oduun hin hin qulqulloofne waa’ee fayyaa Muummicha ministeeraa wajjiin wal qabatee haasa’amaa ture osoo hafarfmaa jiruu Muummichi ministeeraa gaafa Ammajjii 20, 2013 daawannaa hojiirratti fuula midiyaatti muldhatan.  

Haala kanaan wal qabatee maxxansi fuula feesbuukii Muummichi ministeeraa haalaan dhukkubsatanii Hospitaalatti yaala argachaa jiru jedhu maxxanfame. Haa ta’uu malee, teeknolojiin suuuralee sobaa adda baasuudhaaf tajaajilu ‘ Reverse google image search’ jedhamu akka agarsiisutti suuraan fuula feesbuukii kanan maxxanfame muummicha ministeeraa Itoophiyaa dhukkubsatee Hospitaalatti yaala fudhataa jiru kan hin agarsiifneedha.  Suurichis yeroo jalqabaatiif giddu gala  mallaqa gargaarsaa sassaabu( an internet-based platform for fundraising) irratt kan maxxanfamee fi nama dhukkuba onneetiin biyya United states of America Hospitaala  John Hopkins Hospitaltti gaafa  adoolessa 2, 2009 du’ee kan agarsiisudha.  Suuraan isa sirrii karaa hidha kanaan argattu.

Suuraa jijjiirame

Suuraa isa jalqabaa 

 Ija miidiyaa jalaa dhokachuu Muummich ministeeraa irraa kan ka’eee haala fayyummaa Muummicha ministeeraa irraati oduun adda addaa bahaa turus, maxxansi fuula feesbuukii Muummichi ministeeraa haalaan dhukkubsachuudhaan Hospitaalatti yaalamaa jira jedhu soba ta’uu HaqCheck dhugoomseera.  Kanaafuu, maxxansi kun suuraa jijjirameedha jedhera.  

 

Haqumma kan qorate : Hagos Gabramlaak

Gulaalan:  Biruk Nagash Xa’aamee

Afaan Ingiliiziirraa gara Afaan Oromootti kan hiike: Abdullaahii Abdurqaadir Dibbilluu

 Barruun kun qaama HaqCheck, Addis Zeybe afaanota Shan; Afaan Oromoo, Afaan Ingliizii, Afaan Somaalii, Afaan Amaaraa fi tigiranyaan gaggeefamuuti. 

Similar Posts