Fuulli feesbuukii Gonder Tube jedhamu maxxanssa gaafa guyya Gurraandhala 2, 2013 maxxanseen, Muummichi minsteera Itoophiyaa duraanii Obbo Hayilamaariyam Dassaalenyi Afi-gafii miidiyaa biyya Chaayinaa CJTN jedhamu wajjiin godhan irratti  Paartii Badhaadhinna damee Oromiyaa akekkachiise jedhe. Itti dabales, maxxanssa fuula feesbuukii isaa kana akka walii qoodaniif hiriyooytasaa fuula feesbuukii gaafate.   Maxxanssi fuul feesbuukii Afaan Amaariffaatii baraa’e akkas jedh, “Kabajamoo Muummicha ministeera Itoophiyaa duraanii Obbo Hayilamaariam Dassaalenyi afi – gaafii miidiyaa CJTN wajjiin godhan irratti Paartiin badhaadhinna Adda Bilisa Baasaa ummata Tigiraay irraa barchuu qaba jechuun paartii badhaadhinna damee Oromiyaa akeekkachiisan” Dhugaan ODP’n hin hubanne tokko yoo jiraate, aangoo muummicha minsteerummaa fedhiidhaan gadi lakkisuu kootiif Jawar Muhaammadis  ta’ee qeerroon gahee tokko akka hin qabneedha. Ani aangoo akka gadi lakkisu kan na dirqamsiise qabsoo Ummanni Amaaraa Adda bilisa baasaa ummata Tigiraay irratti gaggeesseedha jechuun maxxansse.    Haa ta’uu malee, Haqcheck ta’ee raawwatame jedhame kana qorachuudhaan jechi Muummichi ministeeraa Itoophiyaa duraanii dubbate jedhamee fuula feesbuukii kana irratti maxxanfame soba ta’uu fi inummaayyuu yeroo dhihoo asitti Obbo Hayilamaariyam Afi- gaafii miidiyaa CJTn wajjiin akka hin goone  dhugoomseera.  Kanaafuu, maxxanssi fuula fesbuukii kun soba jedheera. 

Erga dargiin A.L.I bara 1987 kufe irraa eegalee gurmuun dhaabbilee sabummaa  irratti hundaa’an afur irraa hunda’e Adda Dimokiraatawaa ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) Itoophiyaa bulchaa tureera. Akkasumas, hanga gaafa Abiyi Ahmad gara aangoo muummicha ministeerummaatti dhufutti Adda Bilisa Baasaa ummata Tigiraay (ABUT) ADWUI keessaatti oolaantummaa qabaachaa turteerti.  Du’a Muummicha minsteeraa Duraanii Mallas zeenaawii hordofuudhaan rakkooleen siyaas- diinagdee hamaan biyya keessatti uumamee ture. Sanaa hordofuudhaani  mormiin cimaan biyya keessaa fi alaatti uumamuun aangotti dhufiinsa Abiyi Ahmadiif sababa ta’ee ture.  Namoota mormii biyya alaa fi keessa gurmmeessuu fi hoogganuudhaan gahee Leencaa bahan keessa tokko Aktiivistii fi falma mirga dhala namaa amma mana hidhaa jiru Jawaar Siraaj  muhaammad adda duree ture . 

Gara jalqaba bara 2012 ADWUi’n Walittii baqee, akkasumas dhaabbilee biroos dabalatee, dhaaba biyyaalessa badhaadhinna jedhamu hundeesse.  Dhaabbilee afran ADWUI hundeessan keessaa tokko kan ta’e ABUT affeerraa gara paartii haaraatti akka dabalamtuuf godhameef diduudhaan Mootummaa Fidiraalaa wajjiin wal dhabdee keessa seene.  Wal dhabdeen Mootummaa Fidiraalaa fi Adda Bilisa Baasaa ummata Tigiray gidduutti uumamee ture guddachaa dhufuudhaan,,dhuma irratti lolli  mancaatii lubbuu fi qabeenyaa hedduuf sababa ta’e giddu Mootummaa fidiraalaa fi Adda bilisa baasaa Ummata Tigiraaytti uumamee ture. 

HaqCheck Muummichi ministeera Itoophiyaa duraanii Obbo Hayilamaariyam  Dassaaleenyi paartii badhaadhinnaa damee Oromiyaa akka fuula feesbuukii kana irratti jedhame paartii badhaadhinna damee  Oromiyaa  akka hin akeekkachiisnee  dhugoomseera. Kanaafuu, maxxansi fuula feesbuukii kun soba jedheera.   

Dhugummaa kan qorate:  Hagos Gabramlaak 

Gulaalaan: Buruuk Nagaash Xaa’aammee

Afaan Ingiliffaa irraa gara Afaan Oromootti kan hiike: Abdullaahii Abdirqaadir 

Barruun kun qaama  HaqCheck, Addis Zeybe  afaanota shan; Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, faaan Ingiliffaa, Afaan Somaali fi Tigiranyaa  barraa’uudha.

Similar Posts