Maxxansi fuula feesbuukii  Afmeer tv.jedhamu, kan hanga gaafa barruun kun maxxanfamuutti hordoftoota fuula feesbuukii 532,351 qabu, gaafa  Ammajjii 12/2013 suuraa armaan gaditti muldhatu kana maxxansuudhaan loltoonni biyya Ijipti garaa Suudan geeffamuudhaan daanga suudan fi Itoophiyaarra qubsiifamaaru jedhe. Barreeffamni afaan Somaaliitiin barraa’ee akkas jedha, “ maddi odeeffannoo biyya Suudan akka gabaasetti looltoonni biyya Ijipti lakkoofsaan 5000 ta’an lola daangaa Itoophiyaa fi Suudanitti gaggeeffamaa jirurratti suudaaniin gargaaruudhaaf daangarra qubsiifaman” Akkasumas, looltooni biyya  suudan laakkofsaan 300tti dhihaatan gara daangaa Eerteraa fi Suudanitti imaalaa kan jirani fi haalli nageenyaa daangaa biyyoota lameenii jiru haalaan yaaddeessaa ta’aa dhufaaras jedhe.  Haa ta’uu malee,HaqCheck ta’ee raawwatame jedhamee fi suuraalee akka ragaatti dhihaate qorachuudhaan suuraan fuula feesbuukii kanaan maxxanfame loltoota biyya Ijipti daangaa Itoophiyaa fi Suudanitti qubsiifaman kana hin agarsiifne akka ta’e dhugoomseera.  Kanaafuu, Maxxansi fuula feesbuukii kanaa soba jedheera. 

 

Daanagaa Itoophiyaa fi Suudanrratti wal gaarrefannaa fi darbee darbee lolli guutuun muldhatuu tureera. Akkasumas dhimma wal dhabdee daaangaa biyyoota lamaaniitiin wal qabtee Ijipt haleela loltoonni Itoophiyaa loltoota Suudanrratti raawwatte jedhame haaleellaa sababa quubsaa maleeti jechuun balaaleffattee turtee.  Dabalataanis, Ijipti haariiroo obolummaa biyya Suudan wajjiin qabdu cimsitee kan itti fuftuu fi sochii biyyi Suudan birmadummaashee kabachisiifachuuf gootu kammiiyyuu akka deeggartu ibsitee turte.  Gabaasaleen suudan loltootashee hedduminnaan gara daangaatti erguudhan haala nageenyaa naannoo sanaa haala yaaddessaa keessa galche jedhus bahaa tureera. 

Haala kanaan wal qabachuudhaan fuulli feesbuukii kun suuraa konkolaataa loltoota fe’ee deemu maxxansuudhaan loltoonni biyya Ijipt laakkofsaan 5000tti ta’an gara daangaa Suudanii fi Itoophiyaatti geefamaaru jechuudhaan maxxanse.  Haa ta’uu male, teeknolojiin suuraalee sobaa adda baasuudhaaf tajaajilu ‘Reverse google image search’ jedhamu akka agarsiisutti suuran fuula feesbuukii kanaan maxxanfame loltoota biyya Ijipt gara daangaa Itoophiyaa fi Suudanitti geeffamaa jiran kan agarsiisu mityi.  Suurichis yeroo jalqabaatiif madda odeeffannoo Ahram online jedhamurratti gaafa Ammajjii 30/2010 kan maxxanfamee fi  duula waraanaa gammoojjii Sinaa’i keessatti Shororkeesitoota irratti godhame kan agarsiisuudha. Maddi odeeffannoo Ahram Online jedhamu kun suuricha weebsiiyitii Raayyaa ittisa biyyaa Ijipt irraa fudhate. Suuraa jalqabaa karaa hidha kanaatiin argattu. 

Daangaa Itoophiyaa fi Suudanitti tibba kana wal dhabdeen daanagaa uumamuum dhugaa ta’ee, maxxansi fuula feesbuukii loltoonni biyya Ijipt gara daangaa Suudan fi Itoophiyaa walitti bu’iinsi itti mudatetti geeffamaniiru jedhu soba ta’uu , HaqCheck dhugoomseera.

 Dhugummaa kan qorate:  Hagos Gabramlaak

 Gulaalaan:  Biruuk Nagaash xa’aamee

Afaan Ingliiziirraa gara Afaan Oromootti kan hiike: Abdullaahii Abdurqaadir 

Barruu kun qaama  HaqCheck, Addis Zeybe afaanota shan; Afaan Oromoo, Afaan somaali, Afaan Ingliizii, Afaan Amaaraa fi Tigiranyaan gaggeefamuuti. 

Similar Posts