Maxxanssi fuula Feesbuukii nama  Dereje AReda Teshome  jedhamuu, kan hanga gaafa barruun kun barraa’eetti hordofoota fuula feesbuukii 20,200, qabu suuraa armaan gadii kana maxxansuudhaan Muummichi Ministeeraa Dr.Abiyyi Ahmad hayyuu siyaasaa Jawar Muhaammad  yeroo amma sababa lagannaa nyaataatiin dhukkubsatee Hoospitaala Land Maarkitti yaala fudhataa jiru deemee dubbiseera jechuun maxxanse.  Haa ta’uu malee, HaqCheck suuraa fi taatee raawwatame jedhame sana qorachuudhaan suuraan fuula feesbuukii kanaan maxxanfame yeroo Muummichi Ministeera Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad hayyuu siyaasaa Obbo Jawar Mohaammada Hospitaalatti gaafatau kan hin agarsiifne ta’uu dhugoomseera.  Suurichis Jawar mohaammed yeroo Hospitaala ciisu kan hin agarsiifnee fi kan jijjiirame ta’uu  Haqcheck’n Hamirkaneesseera.  

Namoota siyaasaa gurguddoo ajjeefamuu aartisti jaalatamaa fi beekkamaa  Haacaaluu hundeessaa hordofuudhaan hidhaman keessaa  hooggantoonni paartii koongireensii fidiraalistii Oromoo ( KFO)  kan akka Jawar Mohaammad, Baqalaa Garbaa, Hamzaa Booranaa fi kanneen biroo Mana amala sirreessaa Qaalittii  hidhamanii jiran  ji’a tokkoo oliif lagannaa nyaata irra jiraachuu gabaafamaa tureera. Kaayyoon ijoon lagannaa nyaataa hidhamtoota kanneeniin mootummman dhiibbaa siyaasaa paartii KFO fi ABO irratti godhaa jiru akka dhaabuu fi deeggartoonni, miseensonnii fi hooggantoonni paartilee kanneen sababa ilaalcha siyaasaa qofaaf hidhaman akka hiikkamaniif ture.  Akka ibsa garee abukaatota hidhamtoota siyaasaa Oromootti,  Jawar Muhaammad, Baqalaa, Garbaa fi hamzaa Booraana lagannaa nyaataa guyyaa 35ffaa irraa kan jiranii fi sanaan wal qabatee haalli fayyaa isaanii haala yaadeessaa keessa seeneera.  Bu’uuruma kanaan, falmii mana murtii dheeraa mana hojii abbaa alangaa Fidiraalaa wajjiin hanga Mna murtii walii gala fidiraalaa dhaddacha ijibaatatti godhame boooddee hooggantoonni kunneen hoospitaal dhuunfaa magaalaa Finfinnee keessatti argamu Land Mark jedhamutti akka yaalaman murtii manni murtiii Wlii gala fidiraalaa dhaddacha ijibaataa murtteesse hordofuudhaan  yaalaf  hospitaala  Laand Maark seenaniiru.   Kanaan wal qabatee suuraan yeroo Muummichi Ministeera Itoophiyaa Dr. Abiyi Ahmad Jawar Muhaammad bakka inni Hospitaala ciisetti gaafatu agarsiisu fuula feesbuukii kanaan maxxanfame. 

Haa ta’uu malee, teeknolojiin suuraalee soba adda baasuudhaaf tajaajilu ;Google reverse image search’ jedjhamu akka agarsiisutti suurichi kana kaafame gaafa Muddee 1, 2013 yeroo Muummichi Ministeeraa Miseesnsota raayyaa ittisa biyyaa Loloa Naannoo Tigiraayitti gaggeefameen miidhamanii Hospitaal ciisan gaafatanitti.  Suuraan sirri kan yerroo Muummichi Ministeeraa miseensota Raayyaa ittisa biyaa Waraana Naanoo Tigiray irratti miidhamnii Hospitaala Ciisan agarsiisu karaa hidha armaan agadii kanaan ni argama.  link

Suuraa isa sirrii

Suuraa jijjiirame

Jawar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa sababa lagannaa nyaatatiin dhukkubsatanii Hospitaala Land Maarkitti yaalaamaa jiraachuun isanii aakkuma jirutti ta’ee, suuraan yeroo Muummichi ministeeraa Jawar Mohaamad sirree irratti gaafatu fakkeessuudhan dalagamee fuula feesbuukii kana irratti maxxane soba ta’uu Haqcheck dhugoomseera.  Kanaafuu, Maxxanssi fuula feesbuuukii kun soba jedheera.  
 

Dhugummaa kan qorate:  Rihobot Ayaaloow

Afaan Inigiliffaarraa gara Afaan Oromootti kan hiike: Abdullaahii Abdulqaadir 

Barruun kun qaama HaqCheck, Addis Zeybe’s  afaanota shan; Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Tigiranyaa, Afaan Somaalii fi A Afaan Ingiliffaatiin gaggeefamuuti. 

Similar Posts