Maxxansi fuula  Facebook  ኩዒታ – Kuéta  jedhamu ( Biloogii dhuunfaa kan ta’ee fi hanga gaafa Onkolooleessa 21/2013tti hordoftoota 2,137 kan qabu  )  suuraa loltootaa hidhannoo guutuu wajjiin maxxansuudhaan, loltoonni  suudaan Lafa daangaa Itoophiyaa fi Suudaan irratti wal dhabaa jiran baldhinnisaa kiloo meetirii iskuweerii 2,000 ta’uu guutuun qabachuudhaan, achiin booda Lafa keenya taakkuu tokkos gadi hin lakkisnu jechuudhaan dhaadatan jedhee maxxansee.  Maxxanssi Afaan Amaariiffaattin baraa’ee akkas jedha, “  Suudaan looltotaa ishee hedduminaan daangaa Itoophiyaa irratti  kan bobaastee fi  akkasumas, sochii biyyii Suudaan birmadummaa ishee kabachisiisuudhaaf gootuu biyyii  misira karaa siyaasaa fi diinagdeetiin akka gargaartuu ibsitee jirtii.”   

 Haa ta’uu malee,  HaqCheck-iin ta’ee fi raawwatame jedhamee fi suuraa akka ragaatti dhihaate wal bira qabee qorachuudhaan, suuraan loltoota biyya Suudaan fuula Facebooka kana irratti maxxane kun walitti bu’iinsa daangaa Itoophiyaa fi Suudaan yeroo amma akka hin agarsiifne dhugoomseera. Kanaafuu, maxxanssi fuula Facebookichaa soba jedheera.  

 Torbaan darbe irraa eegalee  loltoota biyya Suudaanii fi Milishaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa giddutti walitti bu’iinsi daangaa irra deddeebiidhaan uumamaa tureera.  Gaafa Muddee 9/2013 loltoonni Suudaan Lafa hin daangeeffamne daangaa Itoophiyaa fi Suudaan Daanggessan qabannee jechuun beeksisanii turan.   Loltoonni biyya Suudaan daangaan Addunyaawaan biyyii isaanii Itoophiyaa Wajjiin qabdu ifaa fi wal dhibdee kan hin qabne waan ta’eef Lafa keenya taakkuu tokkos dabarsine hin laannu jechuudhaan ibse.  Muummichi Ministeera Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) maxxansa fuula tiwitter isaanii irratti gaafa Muddee 9/2013 barreessaniin Mootummaan isaanii dhimma walitti bu’iinsa daangaa Itoophiyaa fi Suudan irratti uumame itti dhiyeenyaan akka hordofaa jiran ibsuudhaan, walitti bu’iinsi kunis walitti dfuruudhaaf biyyoota lamaanii barootaaf ture akka hin miine fi dhimmichaas mariidhaan furuudhaaf akka dalagaa jiran ibsanii turan.    Itti aanaa Muummicha Ministeera Itoophiyaa fi Ministeera hajaa alaa kan ta’an Obbo Dammaqaa Mokonnoon dhimma kanaan wal qabatee aanga’oota biyya Suudaan Wajjiin mari’iachuudhaaf  gaafa Muddee 16, 2013 gara Suudaniitti imalee ture. 

Walitti bu’iinsa daangaa Itoophiyaa fi suudantti uumameen wal qabtee, maxxanssi fuula Facbook looltoonni suudaan daangaa Itoophiyaa fi Suudan giddutti wal dhabdeedhaf sababa ta’e guutuun guututti qabataniiru jechuudhaan maxxanse.  Haa ta’uu malee , Teeknoolojiin suuraalee sobaa adda baasuudhaaf tajaajilu ‘reverse image search’ jedhamu akka agarsiisutti, suuraan maxxanssa fuula Facebookii  kana irratti ta’ee uumame jedhamu deeggaruudhaaf akka ragaatti dhihaate kan kaafame lammii biyya Suudaan kan ta’e nama Mohamed Babiker jedhamu akka ta’ee fi yeroo jalqabaatiif Amajjii 3, 2007 dhaabbata biyya Ingiliizii Alamy jedhamuun  kan maxxanfameedha.  Suurichis sochii lolttoonni Suudaan eebba poolisii humna addaa biyya Suudaan ‘Rapid Support Forces’ (RSF) jedhamu lakoofsaan 11,450 ta’an magaalaa Kaartum keessatti taasisan kan agarsiisuudha. Maxxansi suuraa isa sirrii agarsiisuu karaa hidha kanaan argachuun ni danda’ama. 

Suuraa isa sirrii:

 Loolttoonni biyya Suudaan daangaa Itoophiyaa fi Suudan giddutti wal dhabdedhaaf sababa ta’ee qabanneera jedhanii ibsuun akkuma jirutti ta’ee, Suuraan Fuula Facebookii kana irratti loltoonni biyya Suudaan daangaa Itoophiyaa guutumaa guututti qabataniiru jechuudhaan akka ragaatti dhihaate soba ta’uu HaqCheck-iin dhugoomseera. 

Mirkanummaa kan qorate: Hagos Gabramlaak

Gulaalaan: Buruuk Nagaash Xaa’ame

Kan hiike: Abdullaahii Abdurqaadir Dibbilluu

 Barruun Kun qaama mirkanummaa qorannoo Haq Check,Addis Zeybe jedhamu Afaanoota shan; Afaan Oromoo, Afaan Amaarriffaa, Somaalii, Tigiriffaa fi Afaan Ingiliffaatiin taasifamuu dha. 

Similar Posts