Fulbaana 7 irra jalqabee vidiyoon naana’u tokko Fuula Fesbuukii hordooftoota 35,000 ol qabu maxxanfame “Gootni Affaari fi RIB waliin ABUT yeroo Afaar keessaa basan agarsiisu nu gahe..” jadhee ture. Maxxansichi hanga barruun kun maxxanfamutti 3800 ol qoodameera.

Haata’u malee Vidiyoon kun akka fuula fesbuukii kanarratti maxxanfametti lola Affaar keessa jiru waan hin agarsiisneef HaqCheck soba Jedheera.

Mootumma Fedaralaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigiray (ABUT ) jedduu Onkololeessa 2013 ALI irraa jalqabee hanga amatti looli itti fufe jira. Loollis kan jalqabe erga Mootummaan Federalaa ABUT Ajaja bahaa raayaa ittisa biyaa miidhuun yakee waraana itti bane booda. 

Mootuummaan Federalas Magaalaa ijoo Maqalee Sadaasa 28,2020 too’atee ture. Garuu Mootuummaan naannicha haa too’atu malee naannichi hin qabbanoofne ture. Ji’oottan Sadeet booda Mootuummaan Fedaralaa Dhukaasa-dhaabbi gartokkee labsuu isaa gabaasameera. Dhukaasa-dhaabbi booda RIBI Tigraay keessa bahe. Kana boodas loolli Tigray keessa gara naanoo Amaraafi Affar bal’atuun isaa ni bekkama.

Postiin Feesbuukiin kunis haala kana keessatti naana’e.

Haata’u malee Barbaadaan duuba-deebi Fakkii Screenshot viidiyoo irraa ka’e qorannaan vidiyoon kun Itoophiyaa keessaa akka hin warabbane fi yeroo dhiyoo kana akka hin maxxanfamnes Dhugomsamera. Waraabbin duraas lola Swudii fi Yaman jedduu tureen Jizaan Akisiis keessaa Eebla 29 ALF ka maxxanfamedha.

Waraabbin dura

Kanaafuu gaafatamni “Vidiyoon kun Affaar keessa” jadhu Soba ta’uun isaa mirkana’era.

Similar Posts