Gaafa guyyaa Fulbaana 2, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 100,000 ol qabu tokkoo “Humna Qillensaa Itoophiyaa dalaga irra” jachuun fakkii lama walfakkatan maxxansee ture.

Hanga barruun kun maxxanfamutti maxxansichi yeroo 160 olifi gurmuu fesbuukii adda-addaa keessatti qoodame ture. Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee soba ta’uu isaa dhugoomseera. 

 

Maxxansichiis midiyaa hawasa irratti ka naana’e haala loola Itoophiyaa keessaa jiruun. Loolli kun Onkololeessa 2013 ALI irraa jalqabee hanga amatti Mootumma Fedaralaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigiray (ABUT ) jedduu itti fufuun isaa ni beekkama. Loollis kan jalqabe erga Mootummaan Federalaa ABUT Ajaja bahaa raayaa ittisa biyaa miidhuun yakee waraana itti bane booda. Kanaan walqabatees Qajeelchaan Humna Qillensaa Itoophiyaa Diroonii loola kana irratti fayyadama irra oolu midiyaaf dubbataniiru.

Haaluma kanatti, fakkii maxxansa fuula fesbuukii armaan ol kaasne  Barbaadaan duuba-deebi Fakkiin yeroo qorannu fakkiin vidiyoo gaafa guyyaa waxabajjii 15, 2017 ALF YouTube irratti maxxanfamerra ka fudhatamedha. Mata dureen vidiyoos “how quickly can the nato forces react ?  Military exercise in Romania with NATO VJTF” kan jedhu yoo ta’u yeroo Miliyoona 15 ol ilaallamera. Warabbiin kan mul’isuus shaakala wattadaraa “Exercise noble jump 17” jadhamu Romaniyaa keessatti godhamedha. 

Kanaafuu Fakkiin Humni Qillensaa Itoophiyaa Tigray keessatti dalaga irra akka jiru ibsu kun Soba. 

Similar Posts