Fuulli Feesbuukiin hordoftoota 11,000 ol qabu tokkoo maxxanssa gaafa guyyaa Phaagumee 3, 2013 ALI Afaan Amarifaatin maxxanseen, “Har’a halkaan sa’a 9 Maqaleen keessatti loolli rasaasa ulfaataadhan ture. Dhukansis hanga magaalaa Affaar Ab’ala kan Km 49 maqalee irraa fagaattuti dhagahamu isaa jiraattoonni magaalicha himaniiru ” jadhee ture.

Haata’u malee maxxansii fuulli feesbuukiin kun SOBA.

Onkololeessa 2013 ALI irraa jalqabee hanga amatti Mootumma Fedaralaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigiray (ABUT ) jedduu looli itti fufe jira. Loollis kan jalqabe erga Mootummaan Federalaa ABUT Ajaja bahaa raayaa ittisa biyaa miidhuun yakee waraana itti bane booda. 

Mootuummaan Federalas Magaalaa ijoo Maqalee Sadaasa 28,2020 too’atee ture. Garuu Mootuummaan naannicha haa too’atu malee naannichi hin qabbanoofne ture.

Ji’a 8 booda Mootuummaan Fedaralaa Dhukaasa-dhaabbi gartokkee labsuu isaa gabaasameera. Dhukaasa-dhaabbi booda RIBI Tigraay keessa bahe. Kana boodas loolli Tigray keessa gara naanoo Amaraafi Affar bal’ate.

Postiin Feesbuukiin kunis haala kanaan maxxanfame. 

Haata’u malee Fakkii duubatti deebisuudhan qorachuun fakkichi yeroo jalqabaaf kan qoodame sadaasa 6, 2013 ALI  gabaasa VOA Amaariffa irratti.

Gabaasichiis Maqaalee keessatti rasaasni qilleensaa akka gessame fi namni tokko du’uu isaa ibsa. 

Kanaafuu postiin Feesbuukiin kun akka ibsetti Fakkiin reefu Maqalee keessatti loola rasaasa ulfaataan geessame waan hin agarsiisneef HaqCheck Soba jedheera.

Similar Posts