Gaafa guyyaa Guraandhala 23, 2022 ALF toorri intarneeta miidiyaafi oduu Africanews.com Jadhamu, barruu mata-dureen isaa “Seven killed in Ethiopia mine collapse” jadhee maxxansee ture. Hanga barruun kun bahuttis barruun armaan oliitti himamame fuula Feesbuuki ‘Africa News’ irratti yeroo 4v ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee fakkiin barruu deegaruuf walqabate sun ‘lafa yeroo Itoophiyaa keessatti Albuudni bahu diigame’ akka hin agarsiisne dhugoomseera.

Kanaafuu HaqCheck SOBA jachuun ramadeera. 

 

Itoophiyaan biyyaa dureettii kasalaa, Tantaalamii, Sibiilaa, Nikeelii, Maangaanizii, Potaashii fi foosfeetidha. Kanarratti seektarri zayiitiinifi gaziin qoophii irra jira. 

Ministarri Albuuda fi Petrooliyamiin akka iffa baseetti Itoophiyaan bara 2020/21 Qarshii doolaara Ameerikaa miliiyoona 682 argatteera. 

Akka qooranna HaqCheck godhetti Fakkiin baruu waliin walqabate sun waggaa tokko dura gaafa Muddee 28, 2021 ALF toora intarneeta adda-adda irratti mata-duree “More than 30 killed in Sudan gold mine collapse.” jadhu waliin maxxanfamee kan turedha. 

Gabaasichis yoo xinnaate hojjatoonni albuudaa 31 suudaan keessatti du’uu isaani ibsa.  

Toorri intarneetaa kun fakichuuma kan bara darbe yeroo lama dhimma adda-addaaf fayadaamuu isaas hubaneerra. Tokkichi wa’ee Niijar yoo ta’uu lammafaanmoo wa’ee Suudaan ibsa.

Hanga barruun kun maxxanffamutti oduun ifaa wa’ee diiggamii lafa albuudaa bahes hin jiru. Kanaafuu haqcheck Fakkii barruu deegaruuf maxxanfame SOBA ta’uu isaa mirkaneeseera. 

Similar Posts