Fuulli Feesbuukii bara 2009 banamefi hordoftoota 15,000 ol qabufii Maleda tvnetwork jedhamu, afaan Amariffatiin Postii Mata-duree “Erga RIBI naanoo Tigraay keessaa bahee Koolu galtoon Ertiraa Tigraay Keessaatti Ajjeffamuun isaanii mirkana’e” qabu Adoolessa 8 maxxanseera. Poosttichi Al Ain Amharic akka madda fayyadameera. HaqCheck Poostticha ilaalee jira.

Sadaasa 4,2020  irraa jalqabee Mootummaa Federalaa fi ABUT jeedduu waraanatu ture. Mootuummaan Federalas Magaalaa ijoo Maqalee Sadaasa 28,2020 too’atee ture. Dabalataanis hayyoota dureewaanifi qajeelchoota waraanaa ABUT  too’ana jala akka olchee ibsee ture. Garuu Mootuummaan naannicha too’ateelee naannichi hin qabbanoofne.

Ji’a 8 booda qootiisni ganna akka adeemsamu, Gargaarsi namummaa haala gaarin akka gahu, fi mala siyaasaa yaaluuf gaaffi mootuummaa Yeroo Naannicha booda Mootuummaan Fedaralaa Dhukaasa-dhaabbi gartokkee labsuu isaa gabaasameera. Dhukaasa-dhaabbi booda RIBI Tigraay keessa bahe.

Ejansiin koola galtoota UN (UNHCR)n “UNHCRn oduun wa’ee ajjeechaa Koolu galtoota Ertiraa Tigraay keessa jiran torbee dura nu gaheera. Gabaasa akkanaa haala ulfaatan fudhana. Kanaafus hojjatoota kenya fi Koolu galtoota Ertiraa Shiree jiran qunnamneera. Hanga ammaa garuu dhugoomsuu hindandeenye.” Jedhee Adoolessa 7 Tweet godhe.

HaqCheck fakkii Al-Ain Amharic fi Maleda tvnetwork maxxansan lachuu ilaalera. Suuriicha yeroo Reverse image search irra ilaallu kan ibsu Fakkiin yeroo duraafi kan maxxanfame Bitooteesa 4, twiitara Agency for Refugees and Returnees Affairs (ARRA) irrati. Innis wa’ee ramada irra deebi koolu galtoota Ertiroota 295 kampaasii Adi-Harush fi Mai-Aini Ibsudha. Postiin Adoolessa 8 Fuuloota armaan oliiti irratti ibsamaan lamaanurrati ibsa Suuraa fi madda akka hinqabnee HaqCheck waAan hubateefi faakkifi barru jeddu akka Dogoggorsisuun jiru remade.

 Fakkii duraa

Dabalataanis HaqCheck Mata-dureen Poostii Maleda tv network “Erga RIBI naanoo Tigraay keessaa bahee Koolu galtoon Ertiraa Tigraay Keessaatti Ajjeffamuun isaanii mirkana’e” jedhu barruu maddaa duraa Al-Ain Amharic gabaase waliin akka wal hin simanne bubate. Hanga Postichii maxxanfamu fi barruun kun barra’utti UNHCR odduu saan hin mirkaneesine.

 Sababa armaan olitti hundaa’ee HaqCheck Postii feesbuukii wa’ee ajjeechaa Koolu galtoota Ertiraa hasa’u akka Dogoggorsisaa ta’e mirkaneesse.

Dogoggorsisaa

HaqCheck Postii feesbuukii wa’ee ajjeechaa Koolu galtoota Ertiraa hasa’u akka Dogoggorsisaa ta’e mirkaneesse.

Similar Posts