Gaafa guyyaa Onkololeessa 25, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 59,000 ol qabu maxxansii Afaan Amariffaatin “miseensoonni ABUT basaasaaf miila-dhabaa fakkaachuun yeroo socha’an qabamaniiru..” jachuun suuraa lama wajjin wal qabsiisuun  maxxansee ture.

Maxxansiin kuniis hanga baruun kun bahuutti yeroo 420 ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee SOBA ta’uu isaa dhugoomseera.

Onkolooleessa 23 irra jalqaabee Mootumman Federalaa Itoophiyaan Labsii yeroo muddamaa ji’oottan jaha dhufaniif labseera. Magaalaa gudditii Finfinnee dabalee naannooleen hundi jiraatoota isaanif ija isaanii olaafi ganda isaanii irratti aka gatan fi wanta shakisu jiranaan qaama ilaaluf aka himaan hubachiisaniru.

Maxxansiin Fesbuukiin kun Haaluma kanaan barra’e. 

HaqCheck madda suuraalee dura maxxanfamee qorateera. Fajkkiiwwan kunis yeroo jalqabaaf fuula beekkamaaFessbuukii Kominikeshinii Dhimma Mootummaa Aanaa Hadiyyaa irratti sa’aa 3 duransee maxxanffame. Innis manoota lama mila-dhabaa fakaatanii kan kadhachaa turaniifi boodas too’anna jala ooluu isaanii hima.  

 

Dabalataanis HaqCheck ofisara kominikeeshinii aanaa Hadiyyaa Obbo Yodiidiyaa Tasfayee dubbiseera. Innis  gabaasa Fuula fesbuuki kominikeeshinii aanaa Hadiyyaan gabaasee nuuf mirkaneesera. 

Fuulli Fesbuukiin Gabaasa soba kana facaase kun yeroo duraa maqaan isaa “Mesay Mekonnen – ESAT” kan ta’ee yoo ta’u yeroo booda maqaa isaa gara “Click Dessie” jijirera. 

Kanaafuu Postiin kun miseensonni ABUT basaasaaf miila-dhabaa fakkaatanii yeroo socha’an qabamuu isaanii waan hin ibsineef HaqCheck SOBA Jadhee ramadeera. 

Similar Posts