Dhugaa mirkaneessu

Soba: Suuraan kun Namoota Yeroo Dhiyootti Wallaggaatti Ajjeefamani hin Agarsiisu.

Fuulli feesbuukii fi tiwiiterrii gafa mudde 3 fi 4 2022, dirree soshal miidiyaa irrattii akkaa naannoo wallaggaatti namoonnii ajjeeffamaanitti qoda turan. Fuulla feesbuukii irrattii namoonii ajjeefamani akkaa dhalaatoota Amhaaraa ta’an qoderra. Akkowuntii tiwiiterrii immoo namoonnii ajjeefamani akkaa dhalaatoota saba Oromootti gabaafamerra.

Poostii lamaan kun dirree soshal miidiyaa irrattii qodamerra. Akkasummas yaada ijoo ta’e tureera.

Haa ta’u iyyuu, akkaa HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun namoota wallaggaatti ajjeefaman jedhamani hin agarsiisu, soba ta’unsaa mirkana’erra. Kanaafu, Suuraan akkaa namoonnii ajjeefamani akkeku kun dirree tiwiiterrii fi feesbuukii irrattii raabsame soba ta’unsaa mirkana’erra.

Akkaa gabaasa miidiyaatti, waraanii mootuumaa Itoophiyaa fi Waraana bilisuummaa Oromoo (WBO), kan mootuumaa Itoophiyaa “shanee” jedhu jidduutti adeemsifama jira.

Walitti bu’iinsii fi jequumsi kutaa biyyaa wallaggaa, Oromiyaatti irraa deddebiin ka’aa tureera. Dhalaatoota sabaan Oromoo fi Amhaaraa naannoo ta’an wallaggaatti ajjeeffama turan.

Mootuumaan itoophiya ajjechaa kanaa kan raawwate fi itti gaafatamu “ABO-Shanee” jecha ture. Waraanii Bilisuummaa Oromoo immoo Ajjeechaa kanaa kan raawwate fi itti gafaatamu mootuumaa Itoophiyaatti jechuun himataa.

Waraanii yeroo dhiyootti Oromiyaa keessatti fi dangaa Oromiyaa fi Amhaaraa jidduutti adeemsifama jiru gabaafamee jira.

Akkaa miidiyaa biyyaa keessa, Addis Istaandard gabaasetti, gafa mudde 3, 2022 gabaasetti, gareen faanoo namoota hedduu kiramuu baha wallaggaatti gafa sadaasa 25 fi 29,  2022 ajjeeserra jedhe gabaase ture.

Haala kanaan, Suuraa namoota ajjeefamani iddoo wallaggaatti jechuun kan dirree soshal miidiyaa irrattii gabaafe fayyadamtoota feesbuukii fi tiwiiterriittin.

Fuulli feesbuukii namoonnii ajjeefamani dhalaatoota saban Amhaaraa kan ta’an jiraattota wallaggaa akkaa ta’anii kan gabaafamee. Fuulli tiwiiterrii immoo namoonnii ajjeefamani Suuraan argaman Qotee-bultoota Oromoo wallaggaa garee faanoon akkaa ajjeeffaman kan hubachiisu dha.

Fayyadamtoonni feesbuukii fi tiwiiterrii suuraa tokkoo kan fayyadamaan namoonnii ajjeefamani eenyuffa akkaa ta’an hubachiisuuf.

Haa ta’u iyyuu, akkaa HaqCheck qoratteti suurii raabsame kun namoota wallaggaatti ajjeefamani jedhaan akkaa hin agarsiisane dha, dhalaatoota Oromoos Amhaaraas akkaa hin tane dha.

Suuraan raabsame kun suuraa ture fi dhugaa kan hin tane ta’unsaa mirkanaaweera. Suuraan kun kan fudhatamee poostii gafa fulbanaa 20, 2022 ta’ee irraa dha. Suuraan kun kan maxxanfame barruu Amhaarii wallaggaatti ajjeeffame jechuun barreeffamerra dha.Kanaafu, HaqCheck akkaa suuraan kun soba ta’e mirkanneesserra.

Soba: Suuraan gadhiifame magaalaa haaraa finfinnetti ijaaramu hin agarsiisuu

Fuulli feesbuukii hordoftoota kuma soddomii sadetti qabu, gafa sadaasa 18, 2022, Suuraa afur gadhiise ture, akka magaalii haaraa finfinnetti ijaarama jiru akeekke. Barruun isaa kun akkaa pirojeektiin Caakkaa lafaa naannoo Inxooxxoo irra jalqabee hanga Xaafootti haguuguu jedhun ibsaa.

Barruun namticha kun sadarkaa olaanaa ta’een dirree feesbuukii irratti tamsa’e ture.

Haa ta’u iyyuu, akkaa HaqCheck qoratteti,Suurooni namticha kanaan qodamman kun pirojeektii chaka hin agarsiisani. Sababaa kanaan Soba jennerra.

Ergaa muummichi Ministera Abiy Ahimad (PhD) garaa aangootti dhufaanii, pirojeektii hedduu magaaliittiti jalqabsiisaniirru.

Pirojeektoota kanneen keessa kan akka  inxooxxoo paark, Fiirendiship paark, yuunittii paark, Addababayyii maasqaalla, laggeewwan shaggar bareechu, muuziyyemii saayinsiiffa keessatti argamuu. Pirojeektii Shaggar bareechun alaa hunduu dawwannaaf ifaa ta’aniirru.

Akkaa ripoortoonii agarsiisaniiti, waajirri mummicha ministera ijaarsaa magaalaa sataalayyiti jalqabsiisanirru, pirojeektiin kun maasaraa haaraa ijaaramuu kun off keessatti hammate dha.

Pirojeektiin kun lafaa heektara kummataaman lakkaa’amu kutaa magaalaa yeekaa irrattii hojjetamuf jedha.

Gafa sadaasa 15, 2022, muummichi ministera Abiy Ahimad (PhD) miseensoota paarlaamaf akka magaalaa saatalayyitti ijaara jiru hime ture. Akkasuummas, akka pirojeektiin kun dollaarra ameerikaa hedduun ijaarama jiru itti hime ture.

Haala kanaan, suurooni feesbuukii irrattii namichaan tamsa’anii, akka pirojeektii chakatti qoderra.

Haa ta’u iyyuu, akka HaqCheck qoratteti suurooni namtichaan raabsamenii, pirojeektii haaraa ijaarama jiru hin agarsiisu.

Suuraan jalqabaa gafa Adoolessa 15, 2010 kan poostii ta’e fi akka diizaayinii hootelaa biyya mooskoo, Raashiyaatti ta’e agarsiisa.

Suuraan lammaffa, sadaafa fi shanaffaan, diizaayinii ismaart sity biyya meeksikootti argamuu agarsiisa. Suuraan jalqabaa gafa onkoloolessa, bara 2019 maxxanfame dha.

Suuraan arfaffaan kun immoo, inxooxxoo paark irran gadee kafaame agarsiisa, kaaba finfinneeti  ijaarameedha.

Kanaafu, HaqCheck suuraan gadhiifamanii soba ta’u isaanii mirkanneesserra.

Soba: Suuraan gadhiifame ekeraa namicha metiraa 25 dheeratuu bakkaa Gojjam,naannoo Amaaraatti argamee jedhamuu hin agarsiisu.

Akkawoontii faseebuukii lama, west gojjam communications, kan hordoftoota kuma shatammi jaha Ol qabufi akkawoontii ShegerTimes-ሸገር ታይመስ, kan hordoftoota walakkaa miliyoona qabu gafaa sadaasa 28,2022,Ekeraa nama metiraa 25 dheeratuu kutaa biyyaa gojjamitti-itoophiyatti argamee jedhanii gabaasanirru.

Oddeeffannoo isaan gadhiisan kun immoo soshal mediyaa kanaa irratti tamsa’e ture. 

Haa ta’u iyyuu, akka HaqCheck qoratteti suuraan namticha metiraa 25 dheeratta jedhan kun ekeraa naannoo Amaaraa,Gojjamitti argamee jedhamuu hin agarsiisu. Kanaafu, suuraan jedhame kun soba ta’u isaa qoorannoon keenyi ni agarsiisa.

Seenaa-duraa dhalaa nama keessatti, lafee fi haftee nama qootisaan Itophiyaatti argamuu isaanii mirkanaa’a dha. Akka qo’annoo arkii’oloogistootatti haftee dhalaa nama umrii miliyoona 3.2 ta’u, bakkaa hadeer, Afaar keessatti bara 1974 argamera

Haalumma kanaan,dirree soshal miidiyaa irrattii ekeraa nama metiraa 25 dheeratuu nannoo gojjam, Amaaraatti argamee jechuun soshal miidiyaa kana irratti raabsamaa ture. Garuu HaqCheck poostii akkoowuntii lama ergaa ilaalee, poostii lamanuu suuraa wal-fakkaata ta’u isaa mirkanneesserra.

Akkaa HaqCheck qoratteti suuraan raabsame akka ekeraa metiraa 25 jedhame hin agarsiisine hubattera. Kanaa irraa ka’uun soba ta’u isaa mirkanneesserra.

Suuraan raabsame kun immoo maxxansa gafa fulbanaa, bara 2013 irraa fudhatamee dha. Suuraan fudhatamee kun immoo ekeraa dhalaa nama bakkaa gammoojjii Saaraa, biyya niijerritti, sayiintisittii Pool Seeranoo jedhamuun argameedha.

Suuraan ekeraa kun dookumanatarii “Skeleton of the Sahara” jedhamuu iratti iyyuu kan fayyadamamedha. Dookumanatariin kun kan hojjatamee Televijiinii Nashinal ji’ogiraphiittin.

Kanaafu, HaqCheck akka soba ta’e mirkanneesserra.

Suuraan kun haleellaa droonii wallagga,Oromiyaatti ta’e agarsiisa?

Fuulli tiwiiterrii hordoftoota hedduu qabu gafa Sadaasa 8 2022,Suuraa lama fi kartoonii tokko akka haleellaa qilleensaa magaalaa mandii-wallagga,Oromiyaatti raawwatametti qode ture.Barruun isaa kun immo namoota bayyeen tamsa’ee ture.

Haa ta’u iyyuu malee,akka haqCheck qoratteti suuraan fuula tiwiiterrii isaan raabsame soba ta’u isaa mirkana’erra,suuraan inni qode soba.Kanaafiyyuu, poostii inni godhe gar-tokken isaa soba dha.

Yeroo dhiyoo asitti,waraanii mootummaa Itoophiyaa fi Waraana bilisummaa Oromoo, kan mootummaan itoophiya “shanee” jedhu, jidduu Adeemsifama jira.

Akka gabaasa miidiyaatti,waraanii naannoo Oromiyaatti yeroo dhiyoo asitti  gaggeeffama jira.

Akka gabaasalee miidiyaatti,Haleellaa jabaa ta’e gafa sadaasa 9,2022,mootummaa Itoophiyaatti magaalaa mandii irrattii raawwateem ture.Haleellaa Qilleensa kanaan immoo namoota nagaa hedduuttu ajjeeffame.

Hariiroo kanaan,qodi tiwiiterrii gafa sadaasa 9,2022,suuraa lama fi kartoonii tokko walqabsiisun,akka magaalaa mandittii raawwatametti qode ture.

Haa ta’u malee,akka HaqCheck qorannaa godhetti,suuraan inni qode Haleellaa qilleensa irra hin agarsiisu.

Suuraan jalqabaa inni qode fuulaa fesiibookii gafa Amajjii  18,2022 poosti ta’e irra kan fudhatamee ta’un isaa mirkana’erra.Akka poostii kanaatti, shaakalii raayya ittisa biyya yuuzibeekistanii ta’u isaa ni mirkanneessa.

Garuu,HaqCheck, suuraan lamaffa akka haaraa yookaan immoo kan ture ta’u isaa hin mirkanessiine. Suuraan kun immoo kan fudhatamee Viidiyoo kiilipii yeroo dhiyootti tiwiiterrii irrattii deddeebi’aa ture irradha.Kanaafuu,HaqCheck poostii tiwiiterri kana gar-tokken soba akka ta’ee mirkanneesserra, sababaa Suuraa doggoggora kanaattin.

Suuraan Kun gubbachuu alabaa Ameerikaa hiriira magaalaa finfinnee irratti ta’ee Agarsiisa?

Suuraan Kun gubbachuu alabaa Ameerikaa agarsiisa? Fuulli Feesbuukii hordoftoota hedduu qabu kun gaafa onkolooleessa 23,bara 2020 gubbachuu Alabaa Ameerikaa gabaasefi Raabsee ture.Magaalaa Finfinneetti keessatti Gubachuun Alabaa Ameerikaa akkaa Adeemsifame gabaasa ture. Akkaa haqCheck’n qoratametti Suuraan kun Soba ta’unsaa beekameera.   

Ergaa wal-waraansi kibbaa Itophiyaatti jalqabee,Hiriira deggarsaafi mormii jidduu-Seentumma gaggeessaa turan.

Gaaffa onkolooleessa 22,bara 2022,Hiriiraa mormii jidduu seentummaa balaleefatuu kutaawwan biyyati adda addaa keesatti geggeeffamee ture. Hiriiraa kanaatti “Itophiyaa degeraa, itoophiyaaf sagalee tanaa” ijoo jeedhun ba’ame ture.

Hiriira Gaaffa sanbata Xiqqaarratti,namoonnii kumaatamatti lakkawaman irrattii hirmaattan jidduu seentumma biyyoota alaa mormuu isaanii dhageessisanii turan.Ademsaa mormii kanaa irratti jidduu seentumma mootumma Ameerikaa mormaniirru.

Link 

Gubbachuun suuraa Ameerikaa kan gaggeeffamee biyyaa hayyittii ta’unsaa qoorannoon haqcheck ni mirkaneessa.Dabalataanis, suuraan kun kan gabbaffamee miidiyaa skynews ta’unsaa beekamuun danda’ammerra.Viidiyoo skynews gabaase kanaa irrattii “warri hayyitii alabaa ameerikaa gubban,mormii isaanii yeroo ibsanitti” jedhun gabaase ture,viidiyoo sekendii 36,Gurraandhala 16,2019tti. 

Link 
Sababoota kanaaf haqCheck oddeeffannon gabaafame Soba ta’u isaa mirkanneesserra.

Soba: Suuraan kun Olusagoon Obasaanjoon dhiheenya kana Mararaa Guddinaa waliin wal arguu isaa hin agarsiisu

Akkaawuntiin twitteraa hordoftoota 25,000 ol qabu tokko walxabajjii  02, 2022 ALA, suuraa Olusagoon Obasaanjoo fi Professar Mararaa Guddinaa mata duree “Olusagoon Obasaanjoon hayyuu siyaasaa Professar Mararaa Guddinaa waliinis waa’ee nagaa marii gaggeessaniiru!” jedhu maxxanse ture.

Hanga barreeffamni kun maxxanfamutti maxxansichi deebii 150 ol kan qabu yoo ta’u, yeroo 35 ol raabsemeera.

Haa ta’u malee HaqCheek suuraa kana ilaalee SOBA jedhee ramadeera.

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa Adoolessa 2020 ALA,  irraa eegalee naannoo Tigraay keessatti humnoota wayyaanee waliin waldhabdee hidhannoo irratti bobba’ee ture.

Haata’u malee yeroo booda Mootummaan federaalaas araarra namoomaa labsee, ji’oota muraasa duras wayyaaneen raggaasifamee ture.

Hagayya 26 bara 2021ALA, Pirezidaantiin mootummaa Federaalaa Naayijeeriyaa duraanii Olusagoon Obasaanjoo biyyoota gaanfa Afrikaatti bakka bu’aa olaanaa nagaa fi tasgabbii  gaanfa Afrikaa ta’uun muudamaniru. 

Furmaata karaa nagaa barbaaduuf Kabajamoon Olusagoon Obasaanjoo hogganaa TPLF fi qondaaltota mootummaa waliin yeroo hedduu mari’ataniru. Bakka bu’aan kunis qaamoleen dhukaasa dhaabuu akka fudhatanii fi marii akka filatan amansiisuuf hojiin itti kennameera ture.

Caamsaa 31 ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa magaalaa guddittii naannoo Tigraay Maqalee keessatti hogganaa TLPF Dabretsion Gabramikaa’el waliin mari’ataniiru. Guyyaa lamaa booda, MM Abiy Ahimadiifi qondaaltota mootummaa waliin daawwannaa hojiif godina Baalee Roobee Oromiyaa deemaniiru.

Duubbee kana bu’uura godhachuun barreeffamni Tiwiitaraa kun Obasaanjoon hoogganaa mormituu Oromoo beekamaa Piroofeesar Mararaa Guddinaa waliin waa’ee nageenyaa haasa’ee jedhe maxxanfame.

Haa ta’u malee suuraan kun maxxansa durii interneetii irratti argamu irraa kan fudhatamedha. Suuraan jalqabaa weebsaayitii Gamtaa Afrikaa irratti gaafa waxabajjii  21, 2021ALA, mata duree “Hogganaan ergama taajjabduu filannoo Gamtaa Afrikaa, Geggeessaa olaanaa kabajjamoo Olusagoon Obasaanjoon hogganaa Kongiresii Federaalawaa Oromoo Dr. Merera waliin mari’atan” jedhun maxxanfamee ture,.

Kanaafuu, HaqCheek suuraan mataduree kana deeggaruuf itti fayyadaman kan durii ta’uu isaa  mirkaneessee SOBA jedhee ramadeera.

Soba: Suuraan kun reeffa lammiilee nagaa Amaaraa yeroo dhihootti  mootummaan ajjeefaman hin agarsiisu.

Facebook

Twitter

Telegram

LinkedIn

Email

Caamsaa 26, 2022 ALA  fuula tiwiitaraa irratti suuraan barrefama, “Reeffa lammiilee nagaa Amaaraa Gojjam keessatti humnoota mootummaatiin ajjeefaman.” jedhu waliin maxxanfamee ture.

Barreeffamni kun  hanga maxxanfamutti maxxansi kun yeroo 40  ol qoodamee deebii 47 argateera.

Haa ta’u malee, HaqCheek suuraa kana qorachuun reeffa lammiilee nagaa Amaaraa Goojaam keessatti dhiheenya kana Mootummaan ajjeefaman akka hin agarsiifne mirkaneesse.

Naannoo Amaaraatti ji’oota muraasa darban keessa waldhabdeen milishaa Faanoo fi mootummaa federaalaa jiddutti ka’aa ture. Torban darbe humnoonni addaa naannichaa hoggantoota milishaa Faanoo to’annoo jala oolchuuf ykn hidhannoo hiikkachiisuuf yeroo yaalanitti waldhabdeen olka’ee walitti bu’iinsi hedduu akka uumame gabaafameera.

Tarkaanfiin ‘ethno-nationalist Amhara’ irratti, miseensota sochii biyyoolessaa teessoo qaban kan paartii Amaaraa (NAMA) dabalatee, gaazexeessitoota, fi namoota dhuunfaa naannoo Amaaraa guutuu irratti fudhatama jiru ‘Amhara ethno nationalist’ fi  Paartii Badhaadhina Amaaraa giddutti waldhabdee uumaa jira. Akka ilaalcha mootummaa federaalaatti milishoonni Faanoo caasaa ajaja mootummaa federaalaatiin alatti kan socho’an waan ta’eef nageenya Itoophiyaaf balaa ta’u danda’u jedhaniiru.

Abbotiin aango naannoo Amaaraa labsii “meeshaan waraanaa hundi hanga dhuma torbee kanaatti akka galmaa’u”  jedhani labsanii booda jeequmsi eegale ture. Akka mootummaan naannichaa jedhutti, taateewwan kontirobaandii, dhukaasa, murtii mana murtii gidduu seenuun yeroo dhiyoo asitti baay’inaan mul’achaa ture ilaalchisee, naannoo Amaaraaf “hojii seera kabachiisuu” barbaachisaadha jedheera.

Akka qaama hojii kanaatti namoonni 4500 ol to’annoo jala oolaniiru. Mootummaan naannichaa hojiin kun milishoota Faanoo irratti osoo hin taane “yakkamtoota” maqaa Faanootiin socho’an irratti akka ta’e irra deebi’ee mirkaneesse ture. Haa ta’u malee, namoota baay’ee naannichaa biratti, labsiin kuni fi gochi mootummaan akka tarkaanfii ‘Amhara Ethno-nationalist’ irratti fudhatameetti hubatameera.

Maxxansi kun haala kana fayyadamuun kan maxxanfame yoo ta’u, HaqCheek suuraan barreeffama kana keessatti fayyadame gabaasa bara 2015 websaayitii tokko  irratti mata duree “Duguuggaa Sabaa fi Duguuggaa Sanyii Itiyoophiyaa(Ethnic Based Massacre & Genocide Of Ethiopia) (2003 – 2018)” jedhuun maxxanfame irraa akka ta’e argateera.

Kanaafuu, HaqCheek suuraan barrefama kana deeggaruuf itti fayyadaman dulloomaa ta’uu isaa fi oduu maxxansichi gabaase waliin kan wal hin qabanne ta’uu isaa mirkaneessee, SOBA jedhee ramadeera.

Kan qindaa’e: Suuraan kun fincila jimlaa tibbana Tigraay keessatti ka’e hin agarsiisu.

Facebook

Twitter

Telegram

LinkedIn

Email

Akkaawuntiin Tiwitterii  hordoftoota 1100 ol qabu tokko Caamsaa 24, 2022 maxxansa “Tigraay keessatti jeequmsi siiviilii ka’ee jira, ummanni Tigraay ‘Abiyi Ahimad nu haa hoogganu’ jechaa jiru.”  jedhu qoodeeera. Suuraa irratti namoota hiriiranii mallattoo dhaadannoo adda addaa qabatanii barreeffama “Abiyi Ahimad nu haa hoogganu”, “Geetachoo Redaa yakkamaadha”, “TPLF hattuudha” jedhu qabatanii barreeffamoota biroo lama suuraawwan irratti barreessan waliin agarsiisu maxxansaniiru.

Yeroo barreeffamni kun maxxanfamutti barreeffamni kun deebii 80 ol kan qabu yoo ta’u yeroo 30 ol qoodameera.

Haata’u malee HaqCheek suuraa kana qoratee kan qindaa’e ta’u isaa mirkaneessera.

Waraanni Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) fi mootummaa federaalaa fi humnoota michuu isaa gidduutti yeroo dheeraaf adeemsifamaa ture furmaata hin arganne.

TPLF karaan dippilomaasii waraana kana xumuruuf yoo fashalaa’e furmaata waraanaa akka barbaaddu agarsiisuun ibsaa turteti.TPLF gargaarsi Tigraay akka hin seenne mootummaa federaalaa fi qaamota naannichaa himachaa kan turte yoo ta’u, gargaarsi tibbana ga’e fedhii sanaa gadi ta’uu komattee turte.

Caamsaa 20 TPLF ibsa gaazexeessitootaaf baaseen “Mootummaan Tigraay, garaagarummaa siyaasaa karaa nagaan furamuuf filannoo qajeeltoo qabu waliin walsimsiisuun, tarkaanfiiwwan amantaa ijaaran gama tokkoon illee fudhachuuf walii galeera. Haaluma kanaan waadaa hogganaa Obasanjoof galleen booji’amtoota waraanaa 4208 gadhiisuuf murteessineerra. Kanneen gadhiifaman keessaa 401 dubartootadha,” jedha ibsichi.

Gaafa Guraandhala 13, 2022, Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa kan ta’an Birhaanuu Juulaa gaaffiifi deebii taasisaniin, “Uummani Tigraay kanaa booda TPLF’f jecha du’uu hin qabu, lubbuun kumaatamaan badaa jira. Ummanni Tigraay TPLF’f didduu qaba.” jedhaniiru.

Suuraalee kana sirritti  ilaaluun HaqCheek suuraalee lamaan barreeffama Feesbuukii irraattii fuula DW Amaariffaa Onkoloolessa 2, 2018 ALA  maxxansaa “Barattoonni Yuunivarsiitii fi maatiin isaanii Mekeletti haala nagaa barattootaaf hiriira gaggeessan”. Jedhu irraa akka fudhatamee mirkaneessera. Maxxansicha irratti naannolee yaaddoon nageenyaa jirutti barnoota isaanii irratti hirmaachuuf sodaa akka qaban kan dubbatan yoo ta’u, mootummaan furmaata akka fidu waamicha dhiyeessaniiru.Mallattoolee hiriiraa irratti ‘jireenyi Tigiraay na yaaddessa’, ‘ijoollee keenya bakka tasgabbii hin qabnetti hin erginu’, ‘barattoonni wareegama kaffaluu hin qaban’, ‘ moottuuman naannoo fi moottuman federaalaa furmaata nuuf haakennu’ jedhamanii agarsiifamaniiru”

Suuraa tokko

Suuraa lama

Suuraan sadaffaan waxabajjii 27, 2018  ‘borkena.com’ irratti barruu oduu mata duree, “Asoosaa keessatti jeequmsi haaraan saba irratti hundaa’e yoo xiqqaate namoota saddeet du’aniiru” jedhuun argame.

Oduun kun akka ibsetti, gabaasa miidiyaalee hawaasaa wabeeffachuun “ dargaggoonni saba Bertaa, ofii isaanii akka warra naannotti fi nama kaan immoo  akka alagaatti ilaalan of gurmeessuun daldala saba Amaaraa fi Oromoo irratti haleellaa banuu isaanii ibseera. Akkasumas waan tattaaffii ofirraa ittisuuf godhamu fakkaatu keessatti sabni Amaaraa haleellaa sanaaf deebii kennuuf yaalan malee hawaasa saba Bertaa irraa miidhamtoonni jiraachuu fi dhiisuu isaanii ifa miti.”

 

Suuraa sadii

Suuraaleen jalqabaa lamaan Tigraay keessatti mormii agarsiisan illee suuraan sadaffaa himannaa kana deeggaruuf itti fayyadaman Soba ta’uun baramera. Kana malees suuraan lammafaa Tigraay irraa akka hin taane beekamaadha,Kanaaf HaqCheck suuraalee sakatta’ee kan qindaa’e ta’uu isaa hubateera jira.

Soba: Barreefamni suuraa iskiriinii irra jiru qondaaltoota nageenyaa Eertiraa Shira itiyoo 360, Itiyoo forum TPLF waliin xaxan saaxiluu hin agarsiisu.

Gaafa Caamsaa 25, 2022 ALA,  fuula twiitarii irratti, “dhiyeenya kana qondaaltonni nageenyaa Eertiraa, Itiyoo 360 fi Itiyoo Forum hoggantoota olaanoo TPLF waliin toora interneetii irratti mari’achuun waliin hojjechuuf walii galuu isaanii saaxiluu isaanii ibsaniiru.” jedhu maxxanfamee ture. Maxxansi kunis miidiyaalee ‘ajandaa TPLF’ dhageessisaa jira jechuun icciitiidhaan himateera.

Himata kana deeggaruuf barreeffama afaan Tigiriiffan barreeffame suuraa iskiriinii dhiyeessera.

Haa ta’u malee, HaqCheck barreeffamicha  ilaalee,qondaaltonni nageenyaa Eertiraa qaamolee sadan eeraman kanneen dhiheenya kana mari’atanii fi waliin hojjechuuf walii galan ifa godheera jedhu akka hin agarsiifne mirkaneessera.

Guraandhala 2020 irraa eegalee mootummaa federaalaa humnoota michuu Itiyoophiyaa fi  Adda Bilisummaa Ummata Tigraay/TPLF jidduutti waldhabdeen hidhannoo geggeeffamaa tureera. Ji’oota muraasa duras mootummaan Itiyoophiyaa araarra namoomaa labsee battalumattis TPLF waliigalee fudhateera.

Mootummaan federaalaa fi bulchiinsi naannoo Amaaraa gareewwan hidhatanii fi yakkamtootaa hidhannoo hiikkachiisuuf duula waraanaa maqaa ‘hojii seera kabachiisuu’ jedhuun eegalaniiru.

Gama biraatiin ammoo miidiyaaleen toora interneetii Itiyoo 360 fi Itiyoo Forum keessattuu waraana Tigraay keessatti gaggeeffameen booda mootummaa Itoophiyaa fi Paartii Badhaadhina biyya bulchaa jiru qeequun itti fufaniiru.

Sochiin Biyyoolessaa Amaaraa ibsa dhiheenya kana Caamsaa 24, 2022 ALA baaseen miidiyaa Itiyoo 360 Mootummaa Naannoo Amaaraa tasgabbii dhabsiisuuf TPLF waliin hojjechuu isaanii qeeqaa tureera.

Itiyoo Forum TPLF waliin hidhata qaba jechuunis himannaan dhiyaachaa tureera. Dhiheenya kana Itiyoo Fooramiin maallaqa TPLF irraa Birrii miiliyoona 1.8 argateera jedhamee himannaan dhiyaatee ture.

HaqCheek barreeffama kana mirkaneessuu fi dhiisuu isaa qorachuuf suuraa iskiriinii kana ilaaleera. Suuraan kun barreeffama Feesbuukii Caamsaa 23, 2022 ALA  maxxanfame irraa kan fudhatame yoo ta’u, Maxxansi Feesbuukii kun fuula maqaan isaa ‘Center for Research and Documentation’ jedhamu, oduu fi websaayitii midiyaaf kan qophaa’edha. Fuulli kun odeeffannoo maddoota isaa ta’an irraa arganne jechuun marii toora interneetii irratti hoggantoonni olaanoo TPLF, Itiyoo Forum, Itiyoo 360, fi miseensonni Dijiitaalaa Wayyaanee irratti hirmaatan hima.

Fuulli kun odeeffannoo kana akka maddoota isaa ta’an irraa argate hima malee akka maxxansi tiwiitaraa irra jiru jedhutti qondaaltota nageenyaa Eertiraa irraa akka hin taane barreessera.

 Kanarraa ka’uun barreeffamni suuraa iskiriinii irratti barreeffame akka ragaatti dhiheesse waan inni barreesse irraa adda ta’ee mul’ata.

Soba: suuraan kun miseensota humna ittisaa WBOtti makaman hin agarsiisu.

Facebook

Twitter

Telegram

LinkedIn

Email

Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 70 ol qabu tokko Caamsaa 14, 2022 ALA, barreeffama fi suuraa mata dureen isaa, “miseensonni raayyaa ittisa federaalaa hedduun Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)tti makamuu isaanii dhageenyeerra.” jedhu maxxansee ture.

Hanga barreeffamni kun maxxanfamutti maxxansichi deebii 200 ol kan argate yoo ta’u yeroo 20 ol qoodameera.

Haa ta’u malee, HaqCheek suuraa barrefama kana deeggaruuf itti fayyadaman qorachuun Soba ta’u isaa mirkaneessera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) mootummaa federaalaa Itoophiyaatiin ABO-Shane jedhamee waamamu, qaama waraanaa Adda Bilisummaa Oromoo (WBO) keessaa tokko kan ture yoo ta’u, boodarra Caamsaa 1, 2021ALA, of danda’ee irraa adda ba’eera.

Gaafa Ebla 9, 2022 ALA,  Kongireessiin Federaalawaa Oromoo ibsa baaseen, mootummaan Federaalaa waldhabdee hidhannoo ABO-Shanee waliin jiru karaa nagaa furuun garee hidhatee jiru gara iddoo siyaasaatti akka fidu gaafateera. Paartichis akkuma Tigraayitti godhe mootummaan harka nagaa ABO-Shaneetti diriirsuuf waamicha dhiyeessee ture.

Oromiyaa kessatti torban darban Gabaasoonni hedduun ajjeechaa fi miidhaan namoota nagayaa haleellaa qilleensarraan gahe jira jechun bahaa tureera.  Humnoonni mootummaa Lammiilee nagaa irratti xiyyeeffannoo gochuu isaa itti fufeera.

Dilbata 02 Ebla, Qindeessaan Ajaja Kibba ENDF kan ta’an Koloneel Girmaa Ayele, raayyaan ittisaa garee kana irratti tarkaanfii murteessaan fudhatameera jedhan. Akka Koloneel kun jedhanitti, sochii qindoominaan humnoota federaalaa fi naannootiin garee kana irratti gaggeeffame miseensonni OLA to’annoo jala ooluu fi meeshaa waraanaa fi rasaasa adda addaa akkasumas meeshaalee yaalaa boji’aniruu.

Miseensonni raayyaa ittisaa, poolisii federaalaa, fi waardiyyoota rippabilikaanotaa toora sabaatti qoodamanii OLAtti makamaa jiru jechuun barreeffamoonni adda addaa mul’achaa turaniiru.

 Eegdoota Rippabilikaanotaa gara OLAtti baqatan Link

Waraanni Itoophiyaa garee sabumaa irraa adda bahee jira. Link

Barreeffamni Feesbuukii, akkataa haala kana irratti fayyadamuun maxxansa isaa mirkaneessuuf maxxanseera.

HaqCheek suuraa barreeffama kana keessatti fayyadame ilaalee suuraan kun kanaan dura Onkoloolessa 31, 2021 ALA, fuula Feesbuukii hordoftoota kuma 140 ol qabu irratti akka oduu haaraattii, “Humni ittisaa Abiy Ahimad guutummaatti barbadaa’eera.Loltoonni Dasse irraa baraaraman meeshaa waraanaa isaanii Kemiseetti dabarsanii kennaa jiru, geejiba gara giddu galeessa Itiyoophiyaatti geessu argachuus danda’aniiru.” jedhu waliin maxxanfamee ture.

Even though there are several claims that government forces are defecting to OLA, the image used by the Facebook page to support the claim is wrong.

Odduun humnoonni mootummaa gara WBOtti deebi’aa jiru kan jedhaman hedduun jiraatus, suuraan fuula Feesbuukii odduu kana deeggaruuf itti fayyadame dogoggora.Kanaafuu, HaqCheek suura kana sakatta’ee Soba ta’uu isaa agarsiiseera.

Exit mobile version