Dhugaa mirkaneessu

SOBA: Viidiyoon kun Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa hidhattoonni Faanoo meeshaa ENDF to’annoo jala oolchaniiru jedhaniruu?

Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 5 ol qabu tokko Hagayya 28, 2023 viidiyoo Hogganaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa (ENDF), Fiildii Maarshaal Birhanuu Juulaa akka jedhanitti hidhattoonni Faanoo meeshaa waraana ENDF fi taankii dabalatee to’annoo jala oolchaniiru kan jedhu qoodeera.

Barreeffamni Feesbuukii kun waltajjii kanarratti kan bayyee faffaca’ee kan ture yoo ta’u, yeroo barreeffamni kun maxxanfamutti daawwattoota kuma 90 ol fi deebii jalachuu kuma 1.3tti dhihaatu argateera.

Haa ta’u malee HaqCheck maxxansa kana qoratee viidiyoon kun kan yeroon isa turee ta’u fi himannaa kana kan hin deeggarre ta’u isa mirkanessera.

Halaa kanan HaqCheck himannaa kana Soba taasiseera.

Ebla bara 2023 mootummaan Itoophiyaa humna addaa naannolee dhaabbilee nageenyaa birootti makamuuf karoorfachuu isaa beeksisee ture. Beeksisni kun naannoo Amaaraa keessatti mormii fi jeequmsa bal’a kaase.

Rakkoon nageenyaa kun kan hammaate, dhuma baatii Eblaa keessa qaamoleen hidhatee eenyummaan isaanii hin beekamne itti gaafatamaa Paartii Badhaadhina Amaaraa Girmaa Yeshitlaa erga ajjeesanii booda, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa (ENDF) qaamolee “garaa jabeeyyii” irratti tarkaanfii akka fudhatu ajajee ture.

Waldhabdeen hidhannoo naannoo Amaaraatti hammaate Hagayya 2023 yeroo hidhattoonni Faano magaalota heddu to’atanii turan. Mootummaan Itiyoophiyaa deebii kenneen Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa (ENDF) bobbaasuun magaalota deebisee dhuunfachiisee. naannoo tokko tokkotti garuu waldhabdeen kun itti fufe ture dha.

HaqCheck hidhattoonni Faanoo meesha waraana qabatanii loltoota ENDF karaa irraa maqsaa jiru jechuun miidiyaa hawaasaa irratti himannaa dhiyaate ilaaleera.

Haala kanaan fuula Feesbuukii tokko viidiyoo gabaabaa Fiildii Maarshaal Birhanuu Juulaa “lakkoofsa hin qabne Taankii fi meeshaa waraanaa keenya fudhatan” jechuun dhaga’ama.

maxxansa viidiyoo gabaabaan kun seeneffama ‘hogganaan waraanaa illee milishoonni Faanoo meeshaa ENDF qabachaa akka jiran mirkaneessaniiru’ jedhu mirkaneessuuf itti fayyadameera.

Haa ta’u malee HaqCheck maxxansa viidiyoo kana sirri hintane fi himannaa kana akka hin deeggarre mirkaneessera. viidiyoon kun Televijinii Saatalaayitii Itoophiyaa (ESAT)n Onkoloolessa bara 2021 YouTube irratti maxxanfame irraa kan fudhatamedha.

Viidiyoon kun waa’ee waldhabdee hidhannoo Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) fi mootummaa Itoophiyaa yeroo sanatti uumame ilaalchisee gaaffii fi deebii hogganaa hojjettootaa waliin taasifameedha. Viidiyoo kana irratti Fiildii Maarshaal Birhanuu Juulaa akka jedhanitti ‘’humni Wayyaanee taankii fi meeshaa waraanaa lakkoofsa hin qabne ENDF irraa fudhate’’.

Kanaafuu,  HaqCheck maxxansa Feesbuukii kana viidiyoo sirrii hin taane waan fayyadameef maxxansa kana Soba jedhee jirra.

SOBA: Viidiyoon kun Kiristaan ​​Taadellee hidhaa keessa bahuu isaa mirkaneessaa?

Fuulli TikTok hordoftoota kuma 12 ol qabu tokko Hagayya 9, 2023, viidiyoo miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan ta’an Kiristaan ​​Taadellee hidhaa keessaa gadhiifaman kan jedhu viidiyoo wajiin qoodeera.

Barreeffamni tiktokin kun waltajii kanarratti kan bayyee faffaca’ee fi dawwataa bayyee kan argate yoo ta’u, yeroo barreeffamni kun maxxanfamu si’aa 3439 qoodamera.

Haa ta’u malee Haqcheck viidiyoo kana sakatta’ee viidiyoon kun kan yeroon isa turee ta’u fi himannaa kana akka hin deeggarre ta’u isa mirkanessera.

Halaa kanan HaqCheck himannaa kana Soba taasiseera

Ebla 6, 2023 mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa humnoota poolisii addaa naannolee hidhannoo hiikkachuuf murteessuu isaa beeksise.

Mootummaan humna waraanaa naannoo sanaa hiikkachuu kan jalqabe yoo ta’u, loltoonni kun dhaabbilee nageenyaa biroo kan akka waraanaa, poolisii federaalaa, ykn humnoota poolisii naannootti akka makaman ajaje.

Murtee kana booda utuu hin turin tasgabbii dhabuun mootummaa naannoo Amaaraa weerare. Murtee mootummaan federaalaa humna poolisii addaa naannolee diiguuf dabarse mormuun mormiin ummataa bal’aan ture.

Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa naannoo Amaaraatti labsii yeroo muddamaa labse erga gareen milishaa hidhatee naannoo naannichaa hedduu to’atanii booda.

Deebii kanaaf mootummaan naannoo Amaaraa mootummaa federala irraa gargaarsa gaafachuun paarlaamaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa akka labsu taasiseera.

Akkuma labsiin yeroo muddamaa labsameen mootummaan namoota siyaasaa fi hoggantoota partii mormitootaa dabalatee namoota hidhe. Hoji gaggeessaa Sochi Biyyaalessaa Amaaraa (NaMA) fi miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan ta’an Kiristaan ​​Taadellee namoota hidhaman keessaa tokko dha.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, Kiristaan ​​Tadellee Awaash Arbaatti hidhamuu isaa tibbana mirkaneessee jira.

Haala kana kessattii, viidiyoon TikTok tokko Kiristaan ​​Taadelle dhiheenya kana hidhaa keessaa bahaniruu jechuun waliin qoodera.Haa ta’u malee, HaqCheck himannaa kana qoratee viidiyoon kun himannaa kana akka hin deeggarre mirkaneesse. Viidiyoon jalqaba kun kanaan dura Amajjii 9, 2020, chaanaalii YouTube Asrat Media irratti maxxanfamee argameera. Kiliippiin viidiyoo kun Kiristaan ​​Taadelle sagantaa marii ummataa irratti haasaa yeroo taasisan agarsiisa.

Kanaafuu, HaqCheck maxxansa tiktoki kana viidiyoo sirri hin taane fayyadamuu isaatiin barreeffama kana Soba jedhe jirra.

SOBA: Suuraan kun hidhattoonni Faanoo helikooptara Itoophiyaa Debre Markos keessatti yeroo bojjan hin agarsiisaa?

Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 46 ol qabu tokko Hagayya 28, 2023 viidiyoo helikopteri waraana Itoophiyaa Debre Markos keessatti hidhattoota Faanootiin boji’amee kan jedhu qoodeera.

Barreeffamni Feesbuukii kun waltajjii kanarratti kan bayyee faffaca’ee kan ture yoo ta’u, yeroo barreeffamni kun maxxanfamutti dawwattota kuma torbaa ol fi deebii jalachuu 300tti dhihaatu argateera.

Haa ta’u malee HaqCheck maxxansa kana qoratee viidiyoon kun kan yeroon isa turee ta’u fi himannaa kana kan hin deeggarre ta’uu isa mirkanessera.

Halaa kanan HaqCheck himannaa kana Soba taasiseera.

Ebla bara 2023 mootummaan Itoophiyaa humna addaa naannolee dhaabbilee nageenyaa birootti makamuuf karoorfachuu isaa beeksisee ture. Beeksisni kun naannoo Amaaraa keessatti mormii fi jeequmsa bal’aa kaase.

Rakkoon kun kan hammaate, dhuma baatii Eblaa keessa qaamoleen hidhatee eenyummaan isaanii hin beekamne itti gaafatamaa Paartii Badhaadhina Amaaraa Girmaa Yeshitlaa erga ajjeesanii booda, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa (ENDF) qaamolee “garaa jabeeyyii” irratti tarkaanfii akka fudhatu ajajee ture.

Waldhabdeen hidhannoo naannoo Amaaraatti hammaate Hagayya 2023 yeroo hidhattoonni Faano magaalota hedduu to’atanii turan. Mootummaan Itiyoophiyaa deebii kenneen Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa (ENDF) bobbaasuun magaalota deebisee dhuunfachiisee. naannoo tokko tokkotti garuu waldhabdeen kun itti fufee ture dha.

Haala kanaan fuula Feesbuukii tokko viidiyoo helikooptarri waraana Itoophiyaa Debre Markos keessatti hidhattoota Faanoottin bojji’amee jedhu qoodeera.

Haa ta’u malee, HaqCheck maxxansa kana qoratee viidiyoon kun kan yeroon isa ture ta’uu isa mirkanessera. Viidiyoon jalqabaa kun Ebla 26, 2019 Feesbuukii irratti kan maxxanfame yoo ta’u, barreeffamni isaas helikooptarri  dhaabbata Trans Nation Airways (MIDROC Ethiopia Technology Group) kan ta’e kun Sababa motorri kufaatii irraan kan ka’e akka kufee ibsamera.

Kanaafuu,  HaqCheck maxxansa Feesbuukii kana viidiyoo sirrii hin taane waan fayyadameef maxxansa kana Soba jedhee jirra.

SOBA: Suuraan kun Iddoo mottaa jedhamutti taankii waraanaa Itoophiyaa hidhattoota Faanootiin barbadaa’e hin agarsiisaa?

Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 46 ol qabu tokko suuraa hagayya 9,2023 qoodee, suuraan kun waldhabdee hidhannoo mootummaa naannoo Amaaraa keessatti adeemsifamaa jiru keessatti taankii waraana Itoophiyaa garee milishaa Faanootiin barbadaa’e kan jedhu agarsiisa.

Barreeffamichi itti dabaluudhaan waranii Itoophiyaa fi taankiin isaanii naannoo Amaaraa zoonii Gojjam Bahaa Mottaatti kufamanii akka jiran ibseera.

Barreeffamni Feesbuukii kun waltajjii kanarratti kan bayyee faffaca’ee kan ture yoo ta’u, yeroo barreeffamni kun maxxanfamu si’a 29 qoodameera.

Haqcheck suuraa kana sakatta’ee himannaa kana akka hin deeggarre mirkaneessera.

Halaa kanan HaqCheck himannaa kana Soba taasiseera.

Ebla 6, 2023 mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa humnoota poolisii addaa naannolee hidhannoo hiikkachuuf murteessuu isaa beeksise. Mootummaan humna waraanaa naannoo sanaa hiikkachuu kan jalqabe yoo ta’u, loltoonni kun dhaabbilee nageenyaa biroo kan akka waraanaa, poolisii federaalaa, ykn humnoota poolisii naannootti akka makaman ajaje.

Murtee kana booda utuu hin turin tasgabbii dhabuun mootummaa naannoo Amaaraa weerare. Murtee mootummaan federaalaa humna poolisii addaa naannolee diiguuf dabarse mormuun mormiin ummataa bal’aan ture.

Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa naannoo Amaaraatti labsii yeroo muddamaa labse erga gareen milishaa hidhatee naannoo naannichaa hedduu to’atanii booda.

Walitti bu’iinsa naannoo Amaaraatti uumameen namoonni hedduun ajjeeffamuu gabaasaaleen ni mul’isu.

Gabaasni oduu tibbana ba’e akka mul’isutti haleellaa dirooniin naannichaa Zoonii Gojaam Lixaa magaalaa Finoote Selaam keessatti raawwatameen namoonni 26 ajjeefamaniiru.

Haala kana kessattii, barreeffamni Feesbuukii tokko gareen milishaa Faanoo, Taankii dabalatee loltoota waraana Itoophiyaa barbadeessan jedhu waliin suuraa qoodera.

Haa ta’u malee, HaqCheck himannaa kana qoratee suuraan kun himannaa kana akka hin deggerre argateera. Suuraan jalqaba kun kanaan dura (Twitter)X  irratti Hagayya 8, 2022 maxxanfamee kan argame yoo ta’u, barreeffamni waraanni Raashiyaa lola dhiheenya kana geggeesseen konkolaattota meeshaa waraanaa Yukireen barbadeesse kan jedhu dha.

Kanaafuu HaqCheck suuraa sirrii hin taane fayyadamuu isaatiin barreeffama Facebook kana Soba jedheera.

SOBA: Suuraan kun Helikoptera waraana Itoophiyaa milishoota Faanootiin kuffifame hin agarsiisaa?

Hagayya 7, 2023 fuulaa Feesbuukii tokko suuraa Helikoptera waraanaa Itoophiyaa garee milishaa Faanoon yeroo waldhabdee hidhannoo naannoo Amaaraa keessatti geggeeffamaa jirutti kan rukkutame jedhu qoodee ture.

Barreeffamni Feesbuukii kun waltajjii kana irratti kan bayyee faffaca’ee fi dawwataa bayyee kan argate yoo ta’u, yeroo barreeffamni kun maxxanfamu si’aa 21 qodameraa. 

Haqcheck suuraa kana sakatta’ee himannaa kana akka hin deeggarre mirkanesseraa.

Kanarra kan ka’e Haqcheck himannaa kana Soba taasiseera.

Ebla 6, 2023 mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa humnoota poolisii addaa naannolee hidhannoo hiikkachuuf murteessuu isaa beeksise.

Murtee mootummaa booda tasgabbii dhabuun mootummaa naannoo Amaaraa humnoota poolisii addaa naannoo diigamuu mormuun weerare. Sana booda naannoo Amaaraa keessatti waldhabdee fi walitti bu’iinsi hidhannoo uumameera.

Hidhattoonni Fannoo magaalota gurguddoo naannichaa dabalatee naannolee hedduu to’atanii. Mootummaan yeroo muraasa booda haala kana duubatti deebisuuf naannichatti labsii yeroo muddamaa labsuun isaa ni yaadatama.

Mootummaan federaalaa naannolee gurguddoo naannoo Amaaraa deebifatus, lolaafi waldhabdeen hidhannoo humnoota waraanaa Itoophiyaa fi garee milishaa Faanoo gidduutti itti fufe ture.

Haala kana kessattii, maxxansi Feesbuukii tokko waldhabdee dhiheenya  kana uumameen hidhattoonni Faanoo helikooptara waraana Itoophiyaa kuffisan jedhu waliin suuraa qoodera.

Haa ta’u malee, Haqcheck himannaa kana qoratee suuraan kun himannaa kana akka hin deeggarre argateera. Suuraan jalqaba kun kanaan dura Amajjii 3, 2022 marsarii irratti maxxanfamee kan ture yoo ta’u, barreeffamni isaa balaa helikopteri Romaniyaa kessattii xiyyaara waraana galaana Gurracha keessatti barbaadaa turte. Kan jedhu dha.

Kanaafuu HaqCheck suuraa sirrii hin taane fayyadamuu isaatiin barreeffama Facebook kana Soba jedheera.

SOBA: Suuraan kun xiyyaara loltoota gara naannoo Amaaraatti geessu hin agarsiisaa?

Fuulli X (Twitter) hordoftoota 50,000 ol qabu tokko suuraa Hagayya 26, 2023 qoodee, waldhabdee deemaa jiru gidduutti humni waraanaa Itoophiyaa helikooptaraan gara naannoo Amaaraatti yeroo geejjiban agarsiisa.

Barreeffamni twitterii kun waltajjii kana irratti kan baay’ee faffaca’e ta’ee, yeroo 61 kan qoodame yoo ta’u, deebii jallachuu 88 ol argateera.

Haa ta’u malee HaqCheck maxxansa kana sakatta’ee suuraan kun kan yeroon isa turee ta’u fi himannaa kana kan hin deeggarre ta’u isaa mirkaneesseera.

Halaa kanan HaqCheck himannaa kana Soba taasiseera.

Ebla 6, 2023 mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa humnoota poolisii addaa naannolee hidhannoo hiikkachuuf murteessuu isaa beeksise.

Murtee mootummaa booda tasgabbii dhabuun mootummaa naannoo Amaaraa humnoota poolisii addaa naannoo diigamuu mormuun weerare. Sana booda naannoo Amaaraa keessatti waldhabdee fi walitti bu’iinsi hidhannoo uumameera.

Hidhattoonni Fannoo magaalota gurguddoo naannichaa dabalatee naannolee hedduu to’atanii. Mootummaan yeroo muraasa booda haala kana duubatti deebisuuf naannichatti labsii yeroo muddamaa labsuun isaa ni yaadatama.

Mootummaan federaalaa naannolee gurguddoo naannoo Amaaraa deebifatus, lolaafi waldhabdeen hidhannoo humnoota waraanaa Itoophiyaa fi garee milishaa Faanoo gidduutti itti fufe ture.

Haala kana kessattii, maxxansi X (Twitter) tokko waldhabdee deemaa jiru gidduutti loltoonni waraanaa Itoophiyaa helikooptaraan gara naannoo Amaaraatti yeroo geejjiban kan agarsiisu suuraa qoodera.

Haa ta’u malee, HaqCheck himannaa kana qoratee suuraan kun himannaa kana akka hin deeggarre argateera.Suuraan jalqabaa kun viidiyoo kilippii Hagayya 2, 2021 Feesbuukii irratti qoodame irratti mul’ateera. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa qulqulleessuu sabaa, loltoota geejjibsiisuu, loojistikii, fi meeshaa waraanaa gara lola Tigraayitti geejjibsiisuu keessatti hirmaachuu isaa kan ibsuu dha.

Kanaafuu, HaqCheck maxxansa Twitter kana suuraa sirrii hin taane fayyadamuu isaatiin barreeffama kana Soba jedhe jirra.

Maxxansotta Durii Gulalluu: Tooftaa Odeeffannoo Sobaa Waldhabdee Amaaraa Keessatti

Waldhabdeen hidhannoo naannoo Amaaraa Itiyoophiyaa ji’oota darban keessa cimee itti fufe jira. Sababni battalaa walitti bu’iinsa kanaa mootummaan Itoophiyaa humnoota poolisii addaa naannolee diiguuf murteessuu isaati.

Ergasii naannoon Amaaraa walitti bu’iinsaa fi hookkaraan kan liqimfame yoo ta’u, humnoota mootummaa fi milishoota Faanoo gidduutti walitti bu’iinsi uumame jirra.

Waldhabdeen kun lubbuu namoota nagaa hedduu kan galaafate yoo ta’u, dhiittaa mirga namoomaas gabaafamaa tureera.

Ji’a Hagayyaa keessa milishoonni Faano magaalota gurguddoo naannoo Amaaraa hedduu, Gondar fi Debre Tabor dabalatee yeroo gabaabaaf to’annoo jala oolchanii turan.

Mootummaan naannoo Amaaraa gargaarsa mootummaa federaalaa waamicha dhiyeessudhan, waraanni Itoophiyaa duula faallaa eegale. Boodarra Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa(HPR) labsii yeroo muddamaa naannichatti labse.

Humni mootummaa jalqaba irratti milkaa’ina kan argate yoo ta’u, magaalota badan tokko tokko deebisee qabachuu danda’an. Haa ta’u malee, waldhabdeen kun furmaata kan hin arganne waan ta’eef balaan walitti bu’iinsaa fi jeequmsi dabalataa uumamuu danda’a.

Gabaasa Hidhamtoota Saba Amaaraa

Mootummaan Itoophiyaa Hagayya 4, 2023 naannoo Amaaraatti labsii yeroo muddamaa erga labsee boda namoota siyaasaa, gaazexeessitoota, fi namoota ummataa (public figures) dabalatee namoota saba Amaaraa hedduu to’annaa jala oolcheera.

Namoota hidhaman keessaa Yohaannis Buayalew, qondaala olaanaa naannoo Amaaraa duraanii, miseensa Paartii Badhaadhinaa biyya bulchaa jiru, miseensa paarlaamaa naannoo Amaaraa (mana maree naannoo); fi Kiristaan ​​Taadellee miseensa hojii raawwachiiftuu paartii Sochii Biyyaalessaa Amaaraa fi miseensa Paarlaamaa Itiyoophiyaa (HPR) ni waamamu.

Miidiyaaleen mootummaa waliin hidhata qaban akka ibsanitti, mootummaan Itiyoophiyaa naannoo Amaaraatti namoota finciltoota hidhannoo hidhatanii deeggaran jedhamanii shakkaman 764 to’annaa jala oolcheera.

Haa ta’u malee, gabaasni miidiyaa hawaasaa hin mirkanoofne akka maxxansettii manneen kuusaa magaalaa guddoo Addis Ababaatti argaman dabalatee, guutuu biyyattii keessatti lammiileen saba Amaaraa hedduun bakka tursiisaa keessatti hidhamaniiru, akkasumas mootummaan saba Amaaraa eenyummaa isaanii qofaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu isa maxxansera.

Gabaasaaleen kunnii suuraawwan saba Amaaraa qulqulluu ta’an mootummaan hidhaa jalaa akka isaan olchaa jiru agarsiisuuf kan qinda’ee dha.

Fakkeenyaaf, barreeffamni Feesbuukii (screenshot armaan gadi) Adoolessa 13, 2023 maxxanfame, namoonni suuraawwan irratti mul’atan Tulu dimtu, qarqara addis ababati mootummaan saba Amaaraa hidhaa jalaa ukkaamuu isaa kan ibsu suuraa afur qoodeera. 

Haala kanan kaampii sana keessatti dhukkuboota daddarbootiin rakkachaa fi du’aa akka jiranis maxxansichi ibseera.

[barreeffama fakkicha ibsuu: Kunniin saba Amaaraa Tulu Dimtu keessatti hidhamanii, kaampii keessatti dhukkuba daddarbootiin dhukkubsata fi du’aa jiranidha.] 

Barreeffamni kun kan bayye faffaca’ee ta’ee waltajjii miidiyaa hawaasaa irratti harkifannaa argateera. HaqCheck barreeffamni sun dhugaa yookan soba ta’uu isaa mirkaneessuu hin dandeenye. Himata kana deeggaruuf suuraawwan dhiyaatan ka’umsaa fi dhugummaa isaanii mirkaneessuu hin dandeenye.

Barreeffamoota durii gulaaluu

Gama biraatiin, akkaawuntiiwwan miidiyaa hawaasaa mootummaa deggeran tokko tokko maxxansa Feesbuukii fi screenshotii suuraa kan qoodan yoo ta’u, suuraan kun waggaa tokko dura Feesbuukii irratti kan maxxanfamee fi himannaa kanaan kan wal hin qabanne ta’usa agarsiisa.

Kunis mootummaan saba Amaaraa ukkaamsaa jira kan jedhu fi suuraan himannaa kana deeggaruuf itti fayyadaman soba ta’uu isaa  akka hin mirkanoofnee ragaa ta’ee dhiyaateera.

[Hiikkaa: Barreeffamoonni kun odeeffannoo sobaa babal’isuuf suuraa sobaa fi durii fayyadamera.]

Screenshotiin armaan gadii maxxansa feesbuukii durii kan suuraawwan falmisiisaa ta’an kana jalqaba maxxanseera jedha.

[Hiikaa: Bulchiinsi Magaalaa Addis Ababa namoota mana hin qabnef (harka qalleyyiif) 100 oliif tajaajila yaalaa kenna.]

HaqCheck suuraawwan fi barreeffamoota Feesbuukii kana qoratee waggaa tokko dura (waxabajjii 29, 2022) maxxansa biraa irratti maxxanfamuu isaanii fi barreeffama Amaariffan kan maxxanfame ta’u isa argatera.

Seenaa gulaallii maxxansa Feesbuukii

HaqCheck barreeffama feesbuukii durii kun dhiyoo kana gulaalamee akka ture fi booda kan itti dabalamee ta’u isa argatera. 

Barreeffamni Feesbuukii kun waxabajjii 29, 2022 yeroo maxxanfamu, jalqaba irratti barreeffama Afaan Oromo dhan kan namoota “guddaa” shan ajjeefaman: John F. Kennedy, Martin Luther King Jr., Abraham Lincoln, Malcolm X, fi Hacaaluu Hundessa wal bira qabuu ture.

Barreeffamni jalqaba Hacaaluu Hundeessaa, muuziqeessaa Afaan Oromoo beekamaa ta’e kan du’aan boqote, waxabajjii 29, 2020 rasaasan ajjeefame, lakkoofsa afran biroo wajjin wal bira qaba.

Barreeffamni durii kun jalqaba suuraa tokko kan of keessaa qaba, surrii kaan garuu haqamee kanneen birootiin waan bakka bu’eef HaqCheck arguu hin dandeenye.

[Screenshot: Barreeffama Feesbuukii Afaan Oromoo isa jalqabaa.]

Haa ta’u malee, maxxansi Feesbuukii Adoolessa 13, 2023 gulaalame. Barreeffamni Afaan Oromoo barreeffama Amaariffaa adda ta’een bakka buufamera, suuraan jalqabaa suuraa haaraa shaniin bakka buufameera.

Barreeffamni gulaalame kun amma bulchiinsi Magaalaa Addis Ababa namoota dhibbaa ol daandiirra jiraataniif (namoota mana hin qabneef) tajaajila yaalaa kennaa akka ture hima.

[Mata dureen gulaalamee suuraan haaraa shan (5)  Adoolessa 13, 2023 dabalameera.]

HaqCheck barreeffama Feesbuukii kana Soba ta’u isa mirkanessera.  Barreeffamni kun odeeffannoo soba ta’e namoota dogoggorsuuf itti yadamee kan maxxansame dha.

HaqCheck fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa maxxansa gosa dogoggoraa akkasii irraa of eeggannoo akka godhan hin gorsa. 

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa guyyaa maxxansaa fi seenaa gulaaluu barreeffamoota miidiyaa hawaasaa, keessumaa maxxansa Feesbuukii erga waltajjiin kun bara 2013tti fayyadamtoonni maxxansa gulaaluu waan hayyameef akka ilalaan gorfama dha.

SOBA: Suuraan kun dhiyeenyaa kana raawwannaa haleellaa qilleensarraan kan FinoteSelam keessatti hin agarsisaa?

Fuulla Feesbuukii hordoftoota kuma 40 ol qabu tokko suuraa maxxansee yeroo dhiyoo kana mootummaan Itoophiyaa Finoteselam itti haleela qilleensarraa raawwachuun daa’imman umuriin isaanii waggaa sadii ta’e dabalatee namoota nagaa 270 ajjeesuu isaa ibsaa.

Barreeffamni Feesbuukii kun waltajjii kana irratti kan baay’ee faffaca’e ta’ee,yeroo 30tti dhihaatu kan qoodame yoo ta’u, yeroo barreeffamni kun maxxanfamu deebii jaallachuu150 ol argateera.

Haa ta’u malee, HaqCheck maxxansa kana sakatta’ee suuraan sun kan yeroon isa turee ta’uu fi biyyaa kenyaa kan hin ta’iin akkasumas himannaa kana kan hin deeggarre ta’u isaa mirkaneesseera.

Halaa kanan HaqCheck himannaa kana Soba taasiseera.

Waldhabdeen hidhannoo waraana mootummaa fi garee milishaa Faanoo gidduutti naannoo Amaaraatti itti fufee ture.erga inni duraa humnoonni waraana gartokkee naannoo meeshaa waraana hiikkanii dhaabbilee nageenyaa biroo kan akka waraanaa, poolisii federaalaa, ykn humnoota poolisii naannootti akka makaman ajaje.

Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa naannoo Amaaraatti labsii yeroo muddamaa labse erga gareen milishaa hidhatee naannoo naannichaa hedduu to’atanii booda.

Hagayya 11, 2023, walitti bu’iinsi naannoo Amaaraatti deemaa tureen lubbuu namoota hedduu galaaffachuu gabaasaaleen fi maxxansaalee miidiyaa hawaasaa agarsiisaniruu.

Mootummaan haleela faallaa erga raawwateen booda magaalota gurguddoo hidhattoota Faanoo jalaa deebisee qabachuu danda’eera. Haa ta’u malee, naannichatti walitti bu’iinsi fi wal-dhabdeen hidhannoo itti fufe akka ture gabaasaaleen ni mul’isu.

Haala kana kessattii, barreeffama feesbuukii tokko hagayya 11,2023 kan bahee, suuraa Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa naannoo Amaaraa Zoonii Goojjaam Lixaa Finote Selam keessatti haleellaa raawwachuun lammiilee nagaa 270 galaafate jedhu waliin suuraa qooduun ture.

Himata kana mirkaneessuuf HaqCheck Google reverse image search fayyadameera. Sababa kanaan suuraan kun kanaan dura bitootessa 21, 2023 Feesbuukii irratti maxxanfamee argamera.

Kanaafuu, HaqCheck suuraa sirrii hin taane fayyadamuu isaatiin barreeffama kana Soba jedhee jirra.

SOBA: Suuraan kun Itoophiyaa keessatti nama wabiidhaan haleelame hin agarsiisu.

Guraandhala 28, 2023 barreeffamni Feesbuukii kana suuraa tokko qooduun namni suuraa irratti mul’atu kun Itoophiyaa keessatti akka wahabiin haleelamee fi laamsha’e qoodeera. Barreeffamni kun Wahabiin Suufiyyaa fi Muslimoota firqaalee Islaamaa biroo hordofan irratti duuluu fi ajjeesaa akka jiran ibseera.

Haq Check suuraan sun himannaa kana akka mirkaneessu jiraachuu isaa qorachuuf suuraa kana ilaaleera. Haa ta’u malee suuraan kun dulloomaa waan tureef muslima Suufiyyaa kan Wahabiin Itoophiyaa keessatti haleelame hin agarsiisu.

Hala kanaan barreeffama sun Soba jedhamee jiraa.

Wahaabii, hordoftoota sochii haaromsa Islaamaa (Wahhabism) kan Muhammad Ibn Abdul-Wahhaab jaarraa 18ffaa keessa Sa’udii Arabiyaa Najd keessatti kan hundeesse dha.

Wahaabummaan bara 1744 maatii Al Saud kan Mootummaa Sa’udii Arabiyaa hundeessan fudhatame. Jaarraa 20ffaa fi 21ffaa keessa Sa’udii fi Qaxar keessatti Al Wahabizimiin olaantummaa qaba ture.

Jechi kan Wahaabii jechun adda durummaan namoota alaa sochii kana adda baasuuf kan itti fayyadaman yoo ta’u,  hordoftoonni garuu Salafii jedhun of yaamaani.

Itiyoophiyaa keessatti Salafummaan hajjii gara mana qulqullummaa naannootti godhamu diduu, akkasumas guyyaa dhaloota Nabi Muhammad kabajuutti ilaalama.

Salafummaan yeroo jalqabaaf Itoophiyaa keesaa kan dhufe bara 1936 hanga 1941tti yeroo Xaaliyaan qabattee turte dha.

Bara 2012 fi 2013 Addis Ababa keessatti mormiin cimaan mootummaa Itoophiyaa sochii Wahhabi tuffachuun garee al-Ahbash (Suufi) fe’uuf yaalaa jira jedhuun ka’ee ture.

Haala kana keessatti, barreeffamni Feesbuukii tokko guraandhala 28, 2023 kna bahee, suuraa hordofaa Suufiyyaa tokko Itiyoophiyaa keessatti Wahaabiin haleellaa irra gahe jechun qoodee ture.

Haa ta’u malee suuraan kun maxxansa durii irraa kan fudhatame yoo ta’u, himannaa kanaan walitti hariiroo hin qabu. Suuraan kun jalqaba marsariitii Ketto jedhamu irratti kan maxxanfame yoo ta’u, waltajjii maallaqa walitti qabuu onlaayinii wal’aansa fayyaa kan deeggarudha.

Barreeffamni suuraa kana of keessaa qabu waggaa tokko dura kan maxxanfame yoo ta’u, nama dargagessa ganna 22 kan balaa irra gahe agarsiisa.

marsariitii, Ketto suuraa kana kan qoodee maatiin isaa baasii yaalaa nama kanaa uwwisuuf gargaaruuf maallaqa walitti qabuuf ture. Kanaafuu, HaqCheck suuraa sirrii hin taane fayyadamuu isaatiin barreeffama kana Soba jedhee jirra.

Gara-tokkoon Soba: Suuraan kun gamoo amma Baahir Daaritti diigame hin agarsiisu.

Ebla 11, 2023 fuulliin feesbuukii hordoftoota kuma shantem ol qabu tokko maxxansa maxxansee,naannoo amaaraa,magaalaa baahir daar keessatti sababa dhukaasa meeshaa waraanaa cimaa Addi Bilisummaa Oromoo [Rayyaan Ittisa Itoophiyaan] banameen gamoo tokko diigamee lammiileen nagaa hedduun madaa’uun issaa himateerra.

Barreeffamni kun yaada issaa kana deeggaruuf suuraa lama fayyadameera. Suuraan jalqabaa gamoo baayyee miidhame kan agarsiisu yoo ta’u, suuraa lammaffaan ammoo aarri dukkanaa’aa ol ka’aa jiru agarsiisa. barreeffamni kun deebii hedduu kan argate yoo ta’u, waltajjii irratti yeroo saddeet qoodameera.

Akka qorannoo HaqCheck agarsiisu suuraawwan kana keessaa tokkon dulloomaa ta’uun issaa fi odeffannoo kana akka hin degarruu  mirkaneessee jira. Haala kanaan barreeffamni kun Gar-tokkoon Soba jedhee jirra.

Ebla 6, 2023 mootummaan federaalaa Itoophiyaa humnoonni poolisii addaa naannoo diigamuun Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa, Poolisii Federaalaa yokkiinn poolisii naannootti akka makaman murteessuu isaa beeksiserra. sababa kanaan mootummaa naannoo Amaaraa keessatti waldhabdeen uumame jirra.

Naannichatti walitti bu’iinsi hidhannoo fi mormiin ummataa murtee mootummaan federaalaa humnoota poolisii addaa naannichaa hiikkachuu mormuun uumamee jira.

Sadaasa 31, 2023 Komishinarri Biyyaalessaa Teeshome Toga akka jedhanitti, Komishinichi humnoota poolisii addaa naannichaa diiguu fi deebi’anii walitti makamuu ilaalchisee naannoo Amaaraa dabalatee guutuu biyyattiitti marii gaggeessuu isaa ibsaniiru.

Mootummaan federaalaa humna poolisii addaa Amaaraa qofa hidhannoo hiikkatee diiguuf karoorfateera haata”u malee poolisiionii addaa Oromiyaa hin diigamu waan jedhamu jiraatus malee.

HaqCheck suuraan sun dhugaa ta’uu isaa sakatta’ee suuraawwan keessaa tokko maxxansa durii irraa kan fudhatame ta’uu hubatera.

Suuraan jalqabaa kana gamoo baayyee miidhame kan agarsiisu jalqaba CNN Fulbaana 26, 2022 irratii kan gadhiifame yo taa’u. Haaluma kanaan suuraan kun gamoo Yukireen keessatti argamu tokko lolaa cimaa Raashiyaan kan caccabee agarsiisa.

Suuraan lammataa miidiyaa biyya keessaa tokkoon ebla 11, 2023 Feesbuukii irratti kan maxxanfame yoo ta’u,mormii gaggeeffameen daandii Baahir Daar irratti gommaawwan gubachuu agarsiisa.

Naannoo Amaaraatti mormii fi walitti bu’iinsi itti fufee jiraatus, suuraan jalqabaa gamoo Baahir Daaritti diigame hin agarsiisu.Kanaaf HaqCheck barreeffamicha Gar- tokkoon Soba jedheera.

Exit mobile version