Maxxansichiis midiyaa hawasa irratti ka naana’e haala loola Itoophiyaa keessaa jiruun. Loolli kun Onkololeessa 2013 ALI irraa jalqabee hanga amatti Mootumma Fedaralaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigiray (ABUT ) jedduu itti fufuun isaa ni beekkama. Loollis kan jalqabe erga Mootummaan Federalaa ABUT Ajaja bahaa raayaa ittisa biyaa miidhuun yakee waraana itti bane booda. Kanaan walqabatees Qajeelchaan Humna Qillensaa Itoophiyaa Diroonii loola kana irratti fayyadama irra oolu midiyaaf dubbataniiru.
Haaluma kanatti, fakkii maxxansa fuula fesbuukii armaan ol kaasne Barbaadaan duuba-deebi Fakkiin yeroo qorannu fakkiin vidiyoo gaafa guyyaa waxabajjii 15, 2017 ALF YouTube irratti maxxanfamerra ka fudhatamedha. Mata dureen vidiyoos “how quickly can the nato forces react ? Military exercise in Romania with NATO VJTF” kan jedhu yoo ta’u yeroo Miliyoona 15 ol ilaallamera. Warabbiin kan mul’isuus shaakala wattadaraa “Exercise noble jump 17” jadhamu Romaniyaa keessatti godhamedha.
Postichis hanga barruun kun maxxanfamutti yeroo 730 ol yemmuu qoodamu riakshinii kuma 6 ol kan argatedha. HaqCheck maxxansi fuula feesbuukii kuna SOBA jedheera.
Barruun kuniis barruu dabalata “Pirezidantiin Turk Ministira Mumee Itoophiyaa argataan. Waali-galtee ykn Marii ifa bahe garuu hin jiru.” Jadhu waliin Fesbuukii irratti qoodamee. Postichi kuniis fayadamtootan yeroo 437 ol kan qoodame fi ri’akshinii 3,000 ol kan argatedha.
Haqcheck qabiyyee toora intarnetichaa hubatee barruun Pirezidantiin Turk Rasiip Tayib Erdoogaan waraana Tigraay ItoopHiyaa dhaabuuf jaarsa ta’uuf akkaa yaalaan waan ibsu akka hin jirree mirkaneesse. Possti Fesbuuki fi barruu toora-intarneticha jeduu wal-qunnamtii kijibaa wan jiruuf HaqCheck poosti Fesbuukii kana MATA-DUREE DOGOGGORSISAA jadhee madaale.
MM Itoophiyaa Hagayya 12, 2013 ALI gara Turk Ankaaraa dow’annaa hojii guyyaa tokkoo godhanii turaan. Isaaniis Waa’ee naanoo fi dhimmaa biyya lamaanii marii’atanii turaan.