Soba: Fakkiin kun Itoophiyaa keessatti namoonni lafa-albuudaa jigeen du’uu isaanii hin mull’isu

Gaafa guyyaa Guraandhala 23, 2022 ALF toorri intarneeta miidiyaafi oduu Africanews.com Jadhamu, barruu mata-dureen isaa “Seven killed in Ethiopia mine collapse” jadhee maxxansee ture. Hanga barruun kun bahuttis barruun armaan oliitti himamame fuula Feesbuuki ‘Africa News’ irratti yeroo 4v ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee fakkiin barruu deegaruuf walqabate sun ‘lafa yeroo Itoophiyaa keessatti Albuudni bahu diigame’ akka hin agarsiisne dhugoomseera.

Kanaafuu HaqCheck SOBA jachuun ramadeera. 

 

Itoophiyaan biyyaa dureettii kasalaa, Tantaalamii, Sibiilaa, Nikeelii, Maangaanizii, Potaashii fi foosfeetidha. Kanarratti seektarri zayiitiinifi gaziin qoophii irra jira. 

Ministarri Albuuda fi Petrooliyamiin akka iffa baseetti Itoophiyaan bara 2020/21 Qarshii doolaara Ameerikaa miliiyoona 682 argatteera. 

Akka qooranna HaqCheck godhetti Fakkiin baruu waliin walqabate sun waggaa tokko dura gaafa Muddee 28, 2021 ALF toora intarneeta adda-adda irratti mata-duree “More than 30 killed in Sudan gold mine collapse.” jadhu waliin maxxanfamee kan turedha. 

Gabaasichis yoo xinnaate hojjatoonni albuudaa 31 suudaan keessatti du’uu isaani ibsa.  

Toorri intarneetaa kun fakichuuma kan bara darbe yeroo lama dhimma adda-addaaf fayadaamuu isaas hubaneerra. Tokkichi wa’ee Niijar yoo ta’uu lammafaanmoo wa’ee Suudaan ibsa.

Hanga barruun kun maxxanffamutti oduun ifaa wa’ee diiggamii lafa albuudaa bahes hin jiru. Kanaafuu haqcheck Fakkii barruu deegaruuf maxxanfame SOBA ta’uu isaa mirkaneeseera. 

GARTOKKEEDHAN SOBA: Ibsi ABO Shanee dhihoo bahe looltoonni isaa ummata Amaaraa akka miidhaan ajajuu isaa hin agarsiisu.

Gaafa guyyaa Muddee 9, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota Miliyoona 4 ol qabu barruun “ABO Shaneen injifannoo argachaan jira, looltoota harawaas lenjisaan jira…. Miseensooni Poolisii Mootummaa naannoo Oromiyaa kan ta’aniis gara keenya walmakamaa jiru jadheera… miseensi ABO kamiyyuu polisii oromoyaa irratti akka tarkaanfii hinfudhanee fi  tarkaanfiin ummata Amaaraa naannoo oromiyaa keessaa jiraatan irratti fudhatamaa jiruus akka ittii fufu ajajameera” jadhu tokko suuraa waliin qoodeera. Maxxansiin kuniis hanga baruun kun bahuutti yeroo kuma tokkoo ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee GARTOKKEEDHAN SOBA ta’uu isaa dhugoomseera.

Mootummaan Itoophiyaa Waraana Bilisumma Oromoo (Kan Shanee jadhamu) Adda Bilisumma Ummata Tigiraay waliin Gurmii shororkeesaa jachuun Eebla 1, 2021 ALF Ifa basee ture. Gurmiin lamaanis Hagayya 11 ALF akkan waliin hiojjatan ibsaniiru.

Gaafa guyyaa Hagayya 1, 2014, ALI Hogganaan WBO Kumsaa Dirribaa (Jaal Maroo) Associate Pressiif ABUT waliin michoomuu isaani himee ture. Gaafa Onkolooleessa 1, 2014 ALI gaazexesituun BBC Afrikaa Katerine Byaruhanga gabaasa vidiyoo mata-dureen isaa “Ethiopia’s secretive armed group” jadhu leenjii gurmii kanaa gaafiif deebi waliin hojjatee turte. Jaal maroonis kiba, lixa fi Oromiyaa jedduu too’achuu isaanii BBCti himeera.

ABO Shaneen iddoon tokko tokkoo too’anna isa jala akka jiraan toora intarneeta OLA Communique jadhamu irratti gaafa guyyaa Muddee ibsa mata duree OLA UPDATE #17 jadhuun baasee ture. 

Ibsa kana irrattis waa’ee “miseensi ABO kamiyyuu polisii oromoyaa irratti akka tarkaanfii hinfudhanee fi  tarkaanfiin ummata Amaaraa naannoo oromiyaa keessaa jiraatan irratti fudhatamaa jiruus akka ittii fufu ajajameera” jadhuu akka hinjirre HaqCheck hubateera. 

HaqCheck Maxxansii toora intarneeta ABO Shanee fi maxxansii Fuula Fesbukiicha wal-ilaalee Postiin kun GARTOKKEEDHAN SOBA ta’uu isaa dhugoomseera.

SOBA: Fakkiiwwan kun miseensoonni ABUT basaasaaf miila-dhabaa fakkaatanii qabamuu isaanii hi argisiisu

Gaafa guyyaa Onkololeessa 25, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 59,000 ol qabu maxxansii Afaan Amariffaatin “miseensoonni ABUT basaasaaf miila-dhabaa fakkaachuun yeroo socha’an qabamaniiru..” jachuun suuraa lama wajjin wal qabsiisuun  maxxansee ture.

Maxxansiin kuniis hanga baruun kun bahuutti yeroo 420 ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee SOBA ta’uu isaa dhugoomseera.

Onkolooleessa 23 irra jalqaabee Mootumman Federalaa Itoophiyaan Labsii yeroo muddamaa ji’oottan jaha dhufaniif labseera. Magaalaa gudditii Finfinnee dabalee naannooleen hundi jiraatoota isaanif ija isaanii olaafi ganda isaanii irratti aka gatan fi wanta shakisu jiranaan qaama ilaaluf aka himaan hubachiisaniru.

Maxxansiin Fesbuukiin kun Haaluma kanaan barra’e. 

HaqCheck madda suuraalee dura maxxanfamee qorateera. Fajkkiiwwan kunis yeroo jalqabaaf fuula beekkamaaFessbuukii Kominikeshinii Dhimma Mootummaa Aanaa Hadiyyaa irratti sa’aa 3 duransee maxxanffame. Innis manoota lama mila-dhabaa fakaatanii kan kadhachaa turaniifi boodas too’anna jala ooluu isaanii hima.  

 

Dabalataanis HaqCheck ofisara kominikeeshinii aanaa Hadiyyaa Obbo Yodiidiyaa Tasfayee dubbiseera. Innis  gabaasa Fuula fesbuuki kominikeeshinii aanaa Hadiyyaan gabaasee nuuf mirkaneesera. 

Fuulli Fesbuukiin Gabaasa soba kana facaase kun yeroo duraa maqaan isaa “Mesay Mekonnen – ESAT” kan ta’ee yoo ta’u yeroo booda maqaa isaa gara “Click Dessie” jijirera. 

Kanaafuu Postiin kun miseensonni ABUT basaasaaf miila-dhabaa fakkaatanii yeroo socha’an qabamuu isaanii waan hin ibsineef HaqCheck SOBA Jadhee ramadeera. 

SOBA: Vidiyoon kun yeroo dhihoo kana ummannni kamisee WBOn (shaneen) wan seneef gamadaa sirbuu isaanii hin agarsiisu

Gaafa guyyaa Onkololeessa 21, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 38,000 ol qabu Vidiyoo daqiiqaa 3:16 ta’u tokkoo Kamisee keessatti humni WBOn sirbaa jira jechuun maxxansee ture.

Maxxansiin kuniis hanga baruun kun bahuutti Yeroo 6300 ol kan ilaalame yoo ta’u yeroo 75 ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee SOBA ta’uu isaa dhugoomseera.

Mootummaan Itoophiyaa Waraana Bilisumma Oromoo (Kan Shanee jadhamu) Adda Bilisumma Ummata Tigiraay waliin Gurmii shororkeesaa jachuun Eebla 1, 2021 ALF Ifa basee ture. Gurmiin lamaanis Hagayya 11 ALF akkan waliin hiojjatan ibsaniiru.

Loolli Bahaa Itoophiyaa keessa geffamaa jiru gara naannoo Amaaraafi Afaar erga bal’atee ABUT magaaloota Dassee fi Kombolcha too’achuu isaa ibsameera. Onkolooleessa 22 ALI moo WBO (Shanee) Magaalaa kamisee too’adhe jadheera. 

Maxxansiin Fesbuukiin kun Haaluma kanaan barra’e. 

Haata’u malee suuraan vodiyoo kana irra kafne yeroo qorannuu vidiyoon kun kanaan Onkololeessa 13, 2018 ALF maxxanfamuu isaa hubanneerra. Vidiyoon kunis toora yeroo hoggantoonni ABO biyya alaa gara Itoophiya seenaan Qaammmee 2018 kan warabbamedha. 

Haala biratinis Fuulli fessbuukiin kun maqaa “DW International – Dimtsi Woyane” jadhuun yeroo duuraaf Sadaasa 2020 ummamuu isaatif Qaammee 2, 2021 maqaa isaa gara Awash post jijjire Haqcheck qorateera. 

Kanaafuu Postiin kun ummannni magaalaa kamisee WBOn (shaneen) wan seneef gamadaa sirbuu isaanii waan hin ibsineef HaqCheck SOBA Jadhee ramadeera. 

SOBA: Fakkiin kun WBOn (Shaneen) karaa gara Finfinnee irra jiraachuu isaa hin agarsiisu

Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 184,000 ol qabu tokkoo “Erga Jaal Marroon akka Finfinnee too’ataniif waraana bilisummaa Oromootiif ajaja dabarsanii booda waraanni bilisummaa Oromoo gara Finfinnetti Ooraaliin imala eegalee jira. ” jachuun Fakkiidha wal-qabsiisuun Afaan oromootiin maxxansee ture. Maxxansiin kuniis hanga baruun kun bahuutti ri’akshinii 2000 ol kan argate yoo ta’u yeroo 140 ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee SOBA ta’uu isaa dhugoomseera.

Mootummaan Itoophiyaa Waraana Bilisumma Oromoo (Kan Shanee jadhamu) Adda Bilisumma Ummata Tigiraay waliin Gurmii shororkeesaa jachuun Eebla 1, 2021 ALF Ifa basee ture. Gurmiin lamaanis Hagayya 11 ALF akkan waliin hiojjatan ibsaniiru.

Loolli Bahaa Itoophiyaa keessa geffamaa jiru gara naannoo Amaaraafi Afaar erga bal’atee ABUT magaaloota Dassee fi Kombolcha too’achuu isaa ibsameera. Onkolooleessa 22 ALI moo WBO (Shanee) Magaalaa kamisee too’adhe jadheera. 

Gaafa guyyaa Hagayya 1, 2014, ALI Hogganaan WBO Kumsaa Dirribaa (Jaal Maroo) Associate Pressiif ABUT waliin michoomuu isaani himee ture. Gaafa Onkolooleessa 1, 2014 ALI gaazexesituun BBC Afrikaa Katerine Byaruhanga gabaasa vidiyoo mata-dureen isaa “Ethiopia’s secretive armed group” jadhu leenjii gurmii kanaa gaafiif deebi waliin hojjatee turte. Jaal maroonis kiba, lixa fi Oromiyaa jedduu too’achuu isaanii BBCfi himeera. 

Maxxansiin Fesbuukiin kun Haaluma kanaan barra’e. 

Haata’u malee  suuraan duraa kun yeroo jalqabaaf kan maxxanfame gaafa guyyaa Adoolessa 13,2021 ALF toora-intarneeta genevasolutions.news jadhamu irratti. Maxxansichiis UN Wattaddarri Ertiraan akka naannoo Tigraay keessaa bahu kan hubachiisu. 

Faakiin fuulli fesbuukiin kun suraa kana fotoshoopiin tottolchuun akka looltooni Shaneen (WBOn) too’ate fakkesse. 

Kanaafuu Postiin kun WBO (shaneen) karaa finfinnee irratti jiraachuu isaa waan hin ibsineef HaqCheck SOBA Jadhee ramadeera. 

Soba: Fakkiin WBOn (Shaneen) meeshaa too’achuu isaa hin agarsiisu

Gaafa guyyaa Onkololeessa 22, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 180,000 ol qabu tokkoo “#WBO Waraanni Bilisummaa Oromoo meeshaalee gurguddaa adda addaa mooyummaarraa booji’aa juraachuu ifoomse. ” jachuun Fakkiidha wal-qabsiisuun Afaan oromootiin maxxansee ture. Maxxansiin kuniis hanga baruun kun bahuutti yeroo 310 ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee soba ta’uu isaa dhugoomseera.

 

Mootummaan Itoophiyaa Waraana Bilisumma Oromoo (Kan Shanee jadhamu) Adda Bilisumma Ummata Tigiraay waliin Gurmii shororkeesaa jachuun Eebla 1, 2021 ALF Ifa basee ture. Gurmiin lamaanis Hagayya 11 ALF akkan waliin hiojjatan ibsaniiru.

Loolli Bahaa Itoophiyaa keessa geffamaa jiru gara naannoo Amaaraafi Afaar erga bal’atee ABUT magaaloota Dassee fi Kombolcha too’achuu isaa ibsameera. Onkolooleessa 22 ALI moo WBO (Shanee) Magaalaa kamisee too’adhe jadheera. 

Maxxansiin Fesbuukiin kun Haaluma kanaan barra’e. 

Haata’u malee Suuraan maxxansiichaan walqabate kun Fesbuukii irratti Hagayya 30 jalqabee naana’aa kan ture. Innis Yaroo ABUT magaalaa Waldiyaa “qabadhee” jadhu ka maxxanfameedha.

Maxxansii suuraa kana irratti looltoota irratti dabaluun Photoshoopii dalaganii haaraa fakeesuun maxxanfamuu isaa HaqCheck hubateera. 

Bakuuma Suuraa kana irratti qalama diimaan itti marsine yeroo hubannu suuraa kan bira irraa buqqisuun fakkii konkolaata looltoota qabate irratti rigamuun isaa bekkameera. 

Kanaafuu Postiin kun WBO (shaneen) meeshaa motuummaa too’achuu isaa waan hin ibsineef HaqCheck Soba Jadhee ramadeera. 

Soba: Fakkiin kun konkolaataa lola Itoophiyaa bahaa irratti gubate hin mul’isu

Gaafa guyyaa Fulbaana 27, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 140,000 ol qabu tokkoo “…Rayyaan Ittisa Biyyaa meeshaa diroon fayyadamuun haleella baneera” jachuun Fakkiidha wal-qabsiisuun maxxansee ture. Maxxansiin kuniis hanga baruun kun bahuutti yeroo 55 ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee soba ta’uu isaa dhugoomseera.

Maxxansichiis midiyaa hawasa irratti ka naana’e haala loola Itoophiyaa keessaa jiruun. Loolli kun Onkololeessa 2013 ALI irraa jalqabee hanga amatti Mootumma Fedaralaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigiray (ABUT ) jedduu itti fufuun isaa ni beekkama. Loollis kan jalqabe erga Mootummaan Federalaa ABUT Ajaja bahaa raayaa ittisa biyaa miidhuun yakee waraana itti bane booda. Kanaan walqabatees Qajeelchaan Humna Qillensaa Itoophiyaa Diroonii loola kana irratti fayyadama irra oolu midiyaaf dubbataniiru.

Haaluma kanatti, fakkii maxxansa fuula fesbuukii armaan ol kaasne  Barbaadaan duuba-deebi Fakkiin yeroo qorannu fakkiin kun midiiyaan Africanews.com jadhamuun oduu mata-duree “Dangote’s factory attacked by protesters in Ethiopia’s restive region”dhan akka qoodame hubaneerra.

Meeshaa Abba qabeenyaa Nayijeriiyaa Aliko Dangote ka ta’aan hiriira ummataa naanoo oromiyaa keessa tureen onkolooleessa 4, 2016 ALF magaalaa Ada Berga keessatti konkoolatoonni gubachuun isaanii gabaasameera. 

Kanaafuu, Fakkiin kun akka Fuulaa Fesbuukii kana irratti maxxanfametti haala ammaa loola Tigraay keessa jiru waan hinargisiisneef HaqCheck Soba jadhee ramadeera.

Ergaan “Lootariin visa Noorweey” jadhamee naana’u soba ?

Geessituun tokko mata-duree “Norway Visa Lottery Application Form” jadhu qabachuun, caarraan nama 45,000 f akkaa yaalame jachuun Telegramii irratti naanna’ee ture. Ergaan kuniis hangaa barruun kun maxxanffamuutti nama 300n ol ilaalameera. 

Geessituun kuniis foormii  “The Norwegian Directorate of Immigration” jadhuu akka guuttan isiin gaafata. Fuula foormii kana yeroo bantan akka Email, pasoordii fi bakkee jireenya keessan kkf isiin gaafata. 

Ameeriikaan Diversity Visa Lottery (DV) jadhamu bara 1955 irraa eegaltee namoota 55,000 ni ol bara baraan akka simattu ni beekkama. Carraan lootarii baranaas hanga November 9, 2021 banana ta’ee akka turus gabaasaameera. 

Onkolooleessa 2021 keessaatis  Eembaassiin Norweey Ankaaraa keessa jiru ergaa walffakaataa akkanaa Gaanaa keessatti waan mul’ateef “Eergaan kuun soba. Kanaafuu akka irraa of eegdan isiin beeksiisna” jadhee akeekkachisee ture. 

HaqCheck dhimma kana dhuugoomsuuf Embaasii Norweey Finifinnee dubbiseera. Embaasichis Emeeliidhan “ Noorweey Vizaa lotoorii hin qabu.” jachuun deebii nuuf keennaniru. Dabalaataanis erga Hagayya 1, 2019 jalqaabee dameen Finfinnnee embaasiichaa akka cuffameefi dhimmi Vizaa Damee Nayiiroobii Embaasiichaatin akka socha’uu himaniiru. 

Thus, the Telegram message is rendered False along with its suspicious deceitful intent of collecting personal information.

Kanaafuu ergaan Telegraamii irrati socha’u kun Soba waan ta’eef odeeffannoo keessaan qooduu irraa akka off eegdan isiin beeksisa. 

Soba: vidiyoon Kun Teedii Afroon Xoollay argamee looltoota gamachiisuu isaa hin argisiisu

Gaafa guyyaa Fulbaana 6 , 2014 ALI irra jalqabee Fuuli YutubiiToora-Intarneeta tokkoo fi Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 484,277 ol qabu tokkoo “Teedii Afroo fi Lenjii’ota RIB damee Xoollay” jachuun vidiiyoo naaneessa turan. Hanga barruun kun maxxanfamutti Vidiiyoon Toora intarneeta irra jiru yeroo 20,900 ol ka ilallame yammu ta’u, Fessbuukii irrat moo yeroo 60 ol qoodame. Yutuubii irratis kuma tokkoo ol ilallameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee soba ta’uu isaa dhugoomseera.

 

Erga Onkolooleessa 24 2013 ALH irra jalqaabee humna Adda bilisuummaa Ummata Tigraay fi Mootumma Federalaa Itoophiyaa jeedduu loolli jiraachuun isaa ni beekkama. Maddi odeeffannoon adda-addaas namooonni baayyee leenjii loolaa fudhachuuf gara wiirtuu leenjii looltootaa akka seenaan gabaasuun isaanii ni bekkama. Artiistoonis garee wiirtuu adda-addaa deemuun raayyiichaa akka kakaasanis himameera. 

Teedii Afroon Weellisaa beekkamaadha. Keessattuu Itoophiyaa fi Ertiiraa keessatti hafarsiitoota heddu qaba. 

HaqCheck tambileenii vidiiyoo armaan olitti caqasaame huubateera. Tambileeniin kunis Suuraa tokkoo akka hin taaneefi suuraa adda-addaa waliitti makuun akka artiistiin Teedii Afroon Xoollayiitti sirbe fakkeessuun hojjatamuu isaa dhugoomseera. 

Dabalataanis Manajara Teedii Afroo ka ta’e Geetaachoo Mangudday wa’ee vidiiyoo kana gafannee ture. Innis Soba ta’uu isaa nuuf mirkaneeseera.

Kanaafuu Vidiiyoon arman oliitti kasnee fi toora midiiyaa hawasaa irratti naana’e kun dhugaa irra fagoo waan ta’eef HaqCheck Soba jadhee ramadeera.

Soba: Fakkiin RIB meeshaa harawaa argachuu isaa hin agarsiisan

Gaafa guyyaa Fulbaana 27, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 69,000 ol qabu tokkoo Rayyaan Ittisa Biyyaa meeshaa “VTOL drones” jadhamu battachuu isaa oduu gammachiisaa jachuun maxxansee ture. Dabaleetis Diroonin kun radaara ala bahuun ka hojjatu yeroo ta’uu tekinooloojii diina irratti balaa guddaa fiduu danda’u isaa ibsa.

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee soba ta’uu isaa dhugoomseera.

Erga loolli Tigraay keessaatti eegale RIB diroonii fayadamuu isaa beksiisee ture. Kanaan alas Diroonii Iraan RIB fayyadama irra olchuu isaa odeeffannoon adda-addaa bahaaniiru. 

VTOL drone Maliinii?

VTOL jachuun vertical take-off and landing jachuudha. Iniis Diroonootaafi xiyaara Helikoftara ka mul’isu yoo ta’u diroonii ol ka’uufi gad bu’ee dhaabachuu ka danda’uu ta’uu isaa ibsa. Gareen VTOL UAV bayyee bekamus multicopter drone dha. 

VTOL Konstiraakshiniif, industrii zayiitiif gaaziif, surveyilansiif, Seekuuritif kkf hojjachuuf gargaara. Walumagalaanis Dirooniin (UAV) haalaa garee isaanii irratti hundaa’ee wantoota garagaraaf ka fayyaduudha

Haala armaan oliitti ibsametti Dirooniin VTOL jadhamu akka poostii Fesbuukii kana irratti himametti diroonii loolaf fayyadufi radaarii ala miidhaa geessuuf ka fayyadu waan hin taaneef Soba godha.

Dabalataanis Wanta HaqCheck hubate keesaa inni tokkoo fakkiiwan maxxansichaa waliin walqabatanii maxxanfaman reverse image search in qorachuun suuraaleen kuun Sadaasa 14, 2018 ALF Xinhua irratti yeroo jalqabaaf maxxanfamuu isaanii dhugoomseera. Oduun kuniis humni Itoophiyaa Beejiing keessatti leenjii wa’ee dirooni fudhachuuf hirmaachuu isaani gabasaa. 

Kana malees yuuniiformiin RIB bara 2019 ALF jijjiramuun isaa waan beekkamuuf uffanni fakkii kana irratti uffatan kuni ka turee akka ta’ee hubaneera.

HaqCheck Sababa armaan olii ibsiineef maxxansiin feesbuukii kun maxxanse Soba jadhee ramadeera.  

Exit mobile version