Soba: Suuraan kun Yuunivarsiitii Deembi Doolloo agarsiisaa?

Facebook

Twitter

Telegram

LinkedIn

Email

Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 500 ol qabu tokko Caamsa 06, 2022 ALA, barreeffama suuraa sadii qabu maxxansuun “Waraanni Bilisummaa Oromiyaa (WBO) aanaa Dambii Dolloo humnaan dhuunfanne jedhe” jechuun gabaaseera. Suuraalee 3 maxxansa kana deeggaruuf maxxanfaman keessaa tokko barreeffama “Dembi Dolo University” jedhu suuraaratti barra’e qaba.

Hanga barreeffamni kun maxxanfamutti barreeffamni kun deebii 3000 ol kan qabu yoo ta’u yeroo 900 ol qoodameera.

Haa ta’u malee, HaqCheck suuraa kana qoratee Yuunivarsiitii Dambii Dolloo akka hin agarsiifne mirkaneesse.

Kanaaf HaqCheek barreeffamicha Soba jedheera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) baallee waraanaa Adda Bilisummaa Oromoo (WBO) keessaa tokko yoo ta’u, boodarra Caamsa 1, 2021 ALA gargar ba’e jedhama. Mootummaan Itoophiyaa, OLA “Shanee” jedhee itti mooggase,, paarlaamaadhaan akka shororkeessaatti moggaafamera . OLAn lammiilee nagaa sarbama mirga namoomaa fi gocha hammeenyaa irratti xiyyeeffata, keessumaa naannoo Oromiyaa, zoonii Wallagaa Bahaa keessatti akka ta’e himameera.

Ji’a Hagayyaa keessa OLAn Adda Bilisummaa Tigraay (TPLF) kan sadaasa 2020 ALA irraa eegalee mootummaa Itiyoophiyaa lolaa jiru waliin tumsuu isaa beeksiseera.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Lagassaa Tulluu Ebla 2 ALA,  akka jedhanitti, humnoonni nageenyaa federaalaa fi naannoo Oromiyaa ummata naannoo waliin ta’uun OLA irratti “bifa qindoomina qabuu fi hirmaachisa qabuun” tarkaanfii fudhachaa akka turan himaniiru.

Ministirri Komunikeeshinii, naannoo Yuunivarsitiin Dambii Doolloon itti argamu, Naqamte, Dambii dolloo, fi naannolee biroo Lixa Wallagaa keessatti OLA (Shanee) irratti haleellaa banaa jiraachuu ibsaniiru.

Waldhabdee kana ilaalchisee, barreeffamni Feesbuukii irratti ba’e suuraa irratti ”Dembi Dollo University” barreessuudhaan OLAn aanaa Dambii Dolloo dhuunfachuu isaa agarsiisuudhaan himannaa isaa deeggaruuf yaaleera.

Haqcheek suuraa kana erga ‘reverse image’ fayyadamuun qoratee booda suuraan kun jalqaba Mudde 21, 2017 ALA, Odduu BBC Afaan Amaaraa irratti “Yuniversiitii Wallagaatti barattoonni lama du’an” jedhu irratti maxxanfamuu isaa mirkaneesse.Kanaafuu, HaqCheck suuraa himannaa kana deeggaruuf itti fayyadame sakatta’ee SOBA ta’u isaa mirkaneesera.

Soba: Haroon Laangaanoo Naannoo Gambellaatti hin Argamu.

Facebook

Twitter

Telegram

LinkedIn

Email

Toori interneetaa weebsaayitii bashannanaa ‘Urban Matter’ jedhamu Caamsaa 10, 2022 barruu mata duree, “Iddoowwan hawaasa irraa fagaatanii boqotan 10” jedhu maxxanseera. Akkasumas iddoowwan boqonnaan itti fudhatamu biyyootasaa walin fi essatti boqonnaa -fudhachu akka qabnu yaada kena.

Weebsaayitiin kun akka ibsutti Haroon Laangaanoo Haroo bareedaa Naannoo Gaambeelaatti Argamu yoo ta’u namoonni doolfiinii waliin dambali’anii fi  ji’a guutuu jalatti bidiruu yaabbachuu danda’u jedha.

Haa ta’u malee, HaqCheck ibsa Haroo Laangaanoo qoratee Soba jedhee madaaleera.

Mootummaan Naannoo Gaambeellaa qabeenya bishaaniitiin kan badhaatedha. Laggeen gurguddoon naannichatti yaa’an Baaroo, Akoboo, Allewero, fi Gillo dha. 

Laggeen kunis gudguddoo waan ta’anif uumani naanoo sanaa irratti hirkatani kaayyoo jallisii fi horsiisee bulaa itti fayadamu.

Haroon Baaroo-Akoboo Baaroo jedhama, bishaan isatti ya’uus Birbir, Geeba, Soor jedhamu, Alweeroo fi Giloottimoo kan yaa’umoo Geecheb, Biitun, Beeg fi Akooboottimo kan yaa’u Kaashu jedhama.

Barreeffamni Wiikiipiidiyaa yeroo dhumaaf Ebla  8, 2022 ALA  gulaalame tokko, Itoophiyaa keessatti Haroowwan ko’ordineetin isaani mirkanaa’e 26 akka jiran fi  Haroon Chelektu, Haroon Gargori, fi Haroon Laitali Haroowwan ko’oordineettiin isaani  hin mirkanoofnedha jedha.

Haroon Laangaanoo Haroo Bishaan Qulqulluu Naannoo Oromiyaa keessatti argamu yoo ta’u, magaalaa guddittii Addis Ababa irraa gara kibbaatti kiiloo meetira 200 fagaatee daangaa Zoonii Shewaa Bahaa fi Zoonii Arsii irratti argamudha. Haroo Abijattaa irraa gara bahaatti Riiftii Guddaa Itoopiyaa keessatti argama.

Akka FAO jedhutti Haroon Langaano gosoota qurxummii shan kanneen maqaan isaanii Baarbu tanaapalajas, klariyas garipinaas (African sharp tooth catfish), Garra dambecha, Laabiyoobaarbas intarmediyaas, Oriyokroomis niilootiks jedhaman of keessaa qaba.

Gosoota Qurxummii adda addaa Haroo Langanoo keessatti argaman

Baarbu tanaapalajas Link

klariyas garipinaas  Link

Garra dambecha Link 

Laabiyoobaarbas intarmediyaas Link 

Oriyokroomis niilootiks Link

Haroon Laangaanoo bineensota bosonaa adda addaa baayye qabudha. Bineensonni as jiraatan Dolfiniin ala gosoota qurxummii biyya keessaa lakkoofsa hin qabne kan jiraatan siʼa taʼu, bineensonni akka roobii,jaldeessa,weeni, ‘warthogs’, fi simbirroota adda addaa kan dabalatudha.

Link madda suuraa

Link madda suuraa  

Itiyoophiyaan bakkeewwan addaa addunyaa irratti daawwachuuf gorfaman keessaa tokko ta’us, fiixeewwan gaarreen kaabaa irraa kaasee hanga Danakil fi Haroowwan dinqisiisoo ta’anitti. Odeeffannoon dogoggoraa maxxanfame kun” haroon Langaano mana galaanaa ta’uu isaa fi Doolfiinin kan itti argamu akkasumas naannoo Gambellaakessati akka argamu hima. Kanaaf HaqCheck barruu dhiyaate deebisee sakatta’ee Soba ta’uu isaa mirkanesera

SOBA: Suuraan Kun Weerara Haaraa Humnoota TPLF hin Agarsiisu

Barreeffamni Telegram tokko chaanaalii Telegram miseensota kuma afur ol qabu irratti maxxansa isaanii keessatti “humnoonni Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) naannoo daangaa Tigraay fi Amaaraatti haleellaa haaraa bane” jechuun ba’e.

Maxxansi kun kan mul’ate humnoota wayyaanee fi humnoota federaalaan durfaman gidduutti waraanni deebi’ee akka jalqabamu sodaatamu gidduutti.

Haa ta’u malee, HaqCheck suuraa kana qorachuun, loltoota gidduutti waraana haaraa akka hin agarsiifne mirkaneesse.

Waraanni TPLF fi mootummaa federaalaa fi humnoota michuu isaa gidduutti yeroo dheeraaf adeemsifamaa ture furmaata hin arganne.

Mootummaan federaalaan araarri namoomaa labsamee, ji’oota muraasa duras wayyaaneen raggaasifameera. Kunis akka calaqqisa abdii fi karaa carraa marii nagaa fi waldhabdee hidhannoo karaa nagaa deebisanii dhaabuutti ilaalameera.

Dura taa’aa TPLF Debretsion Gabremika’el fi Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy waraanni erga labsamee booda kallattiin bilbilaan waliin haasa’uu isaaniis gabaasni hin mirkanoofne gabaasee ture.

Akka Sagalee YouTube irratti gadhiifameen, hogganaan waraanaa olaanaa raayyaa waraanaa TPLF tokko kallattiin mariin akka jiru ibsuun, inniifi Taaddasaa Weredeen Moorisiyaatti hoogganaa ENDF kan ta’an Birhaanuu Juulaa waliin akka wal argan ibsaniiru.

Birhaanuu Juulaan gaafataman, hoggantoota waraanaa olaanoo Wayyaanee waliin wal argine jechuun haale

TPLF karaan dippilomaasii waraana kana xumuruuf yoo fashalaa’e karaa waraanaa akka barbaaddu kan agarsiisu karaa biraatti akka gargaaramtu ibsaa turte. TPLF gargaarsi Tigraay akka hin seenne mootummaa federaalaa fi qaamota naannichaa ugguraa jechuun himachaa kan turte yoo ta’u, gargaarsi tibbana ga’e fedhii sanaa gadi ta’uu komattee jirti.

Torban tokko dura Ministirri Muummee Abiy humnoota ENDF magaalaa Humeraa keessa jiran daawwachuun haala isaa ilaalaniiru.

Gama biraatiin Tigraay keessatti magaalota hedduu keessatti konfiraansiin ummataa gaggeeffameera. Debretsion Gebremikaa’ell, Fatlaweerk Gabregziyaabiher, Geetachaw Raddaa, fi Alam Gabrawaahd dabalatee hoggantoonni TPLF olaanoon waltajjiiwwan ummataa hoogganuun haasaa taasisaniiru.

Debretsion Gebremichael Caamsaa 10, 2022 magaalaa Mekelleetti walga’ii taasisaniin, karaan karaa nagaa waraana kana furuuf gargaaru duraanuu dhumee jiraachuu ibsuun, ummanni ‘waltajjii xumuraa’f akka qophaa’u waamicha dhiyeessaniiru.

Gabaasni weeraras mul’atee jira, waraana guutuun deebi’ee eegaluu mala jedhamee sodaan jira.

Duubbee kanaan daangaa naannoo Amaaraa fi Tigraay gidduutti weerarri raawwatameera jechuun barreeffamni Telegram tokko bahe. Barreeffamni kun himannaa kana mirkaneessuuf jecha suuraa fayyadameera.

Haa ta’u malee, HaqCheck suuraan kun kan durii akka ta’ee fi himannaa kana akka hin mirkaneessine mirkaneessee jira.Suuraan kun waggoota kurnan lama dura yeroo waraana daangaa Itoophiyaa fi Eertiraa kan kaafame yoo ta’u, bara 2019 maxxanfame. Barreeffama waa’ee jijjiirama hariiroo Itoophiyaa fi Eertiraa waraana daangaa irraa kaasee hanga walitti dhiyeenya tibbanaatti barreeffame keessatti fayyadameera.

Viidiyoo YouTube ji’a waxabajii 2021 ALA  gadhiifame irrattis suuraan walfakkaataan humni Wayyaanee ‘humna diinaa’ rukute jechuun sobaan fayyadamee ture.

Kanaafuu, HaqCheck suuraa sirrii hin taane fayyadamuu isaatiin maxxansa kanaa SOBA jedhee madaaleera.

SOBA: Pirazedantiin Rwandaa Kagamee, Ameerikaani fi UNSC Akka Lola Itoophiyaa Irratti Giddugalan Hin Gaafane.

Gaafa guyaa ebla 25 fuuli fesbuukii tokko maxxansa “pirazedantiin rwandaa pol kagamee bulchiinsa bayden fi mana maree nageenyaa motummoota gamtomani akka waldhabbii naannoo Tigraay giddu seenan gaafate” kan jedhu tiwitteri irraa fudhatame rabsama ture.

Maxxansichiis pirazedantiin Rwandaa callisii Itoophiyaa keessa jiru cabsu isaa fi US fi UNSC’S  akka Itoophiyaa giddu galu gafateef galata dhiyeesera. Namooni kana dubisaniis warra kaanif akka raabsan dhaamicha godheraf. Maxxansichis yeroo 64 ol rabsameera.

Haata’u malee Haqcheek Pol kagameen akka Ameerikaa fi UNSC’S waamicha Itoophiyaa jiddu galuuf hin dhiyeesine mirkaneessera. Maxxansichi fayyadaman kan wagga tokko dura tiwittera irrati maxxanfamedha.

Waraanni adda bilisumaa tigraay(TPLF) fi mootumaa federalaa Itoopiyaa jiddu jiru sadaasa 2022 ALA siraa’eera. Eritiraan gara moottumaa itoopiyaa turte.

Waamichi duula US fi UNSC Itoophiyaa keessa ture. Baayyenis akka UNSC Itoophiyaa giddu galu waamicha dhiyessani turan.

Gaafa guyyaa ebla 14,2022 ALA UNSC walgahii wa’ee Itoophiyaa irrati godhanii turan. Walgahiin kuniis akka godhamu kan gaafatame biyoota Afrikaa sadii amma iratti miseensa dhaabataa maree kan hin taneen Gabon, Ganaa fi kenyadhan.

Dhugaa kana irrati hunda’amee maxxansi fesbuukii irrati pirazedantiin Rwandaa waamicha US fi UNSC akka Itoophiyaa gidduu seenu gaafate jedhu maxxanfamee ture. Uummanis kan ammaa akka ta’e akka amananif  dogogorsiisuuf maxxanfame. Maxxansichis kan gaaafa Guraandhala 16,2021 ALA twittetara irraati maxanfameedha.

Gaafa guyyaa guraandhala 3,2021 ALA  Yeroo gaafanaa (interview) dhaabbata Hoovar, pirezadantiin Rwanda kagamee Afrikaan waldhabii hiiku fi akkasumas waraana Tigiraay itoopiyaa kessa jru irratti akka gamtoomtoomtu fi hirmaatu US fi moottumoota Gamta’anin gaafi dhiyeesefi ture.

Pirazedantiin Rwanda kagamee US fi UNSC mootummaa federalaa Itoophiyaa fi  TPLF gidduu akka seenan wamicha hin gooneefi. Lola Itoophiyaa keessa jiru hiikuf US, UN, Africani fi biyyooni biroo akka hirmatan Yaada kenne.

Kanaafu Haqcheek Pol Kagameen lola Itoophiyaa keessa jiru hiikuuf Ameerikaa fi UNSC kallattidhan akka giddu galan hin gaafane mirkaneessera .Maxxansi kunis waggaa tokko dura tiwittera irrati kan maxxanfamedha.

Walumaagalatti Haqcheek maxxansichi SOBA ta’u isaa mirkaneesera.

DOGOGORSISAA: Eritiraan yeroo dhihooti waraanashee baasuuf waliigaltee hin goone.

Gaafa guyyaa ebla 18,ALA barrefamni eritiraan yeroo dhihootti waraanashe naannoo Tigray kessaa basuuf waliigaltetti jedhu bahee ture.

Odduun kuniis barreeffama Amaariffattin ‘’gara xumura jalqabaatti dhiyaacha jira. Oromiyaaf ni qabsoona warra jeedhuuf yeroon amma caalu hin jiru” kan jedhu raabsamaa ture. Namoonni baayyes maxxansaa oduu kanaaratti sochii baayye kenanii yeroo 6 ol rabsaniiru. 

Haata’u malee Haqcheek oduu kana qoratee kan durii ta’uu isaa fi rooytars kan maxxanse ta’uu isaa hubateera.

Erga guyyaa sadaasa 3,2020 ALA jalqabee waldhabiin hidhanaa adda bilisuumma ummata tigiraay (TPLF) fi mootummaa itoophiyaa jiddu jira ture.

Moottuman Eritiriyaa waldhabii lamaan jiddu jiruuf Mootummaa Itoopiyaaf hoogganee dhaabatee ture. Hawaasa adugnaaleessaatii Eritiraan waraanashe Moottumaa naannoo Tigiraay keessaa akka baaftu irra dadeebbin dhaamicha godhameefi ture. 

Yeroo dhihootti Moottumaan Itoopiyaa fi TPLF waliigaltee irra gahaaniru. Yeroo kana irraa jalqabee, ji’oota booda gargaarsi namuuma gara Tigiraayitti galuu isaa gabaasameera.

Haaluma kana irratti maxxansi dogogoraa fesbuukki irratti “Eritiraan yeroo dhihoo keessatti waraanashe naannooo Tigiraay keessaa basuuf waliigalteeti” kan jedhu maxxanfamee ture. Maxxansi dogogoraa  maxxanfamee kun  kallattiidhan barrefamasaa ibsuudhabulee namooni Eritiraan waraanashe Itoopiyaatii baasuf akka ta’e akka hubatan godheera.

Haata’u malee, oduun “Eritiraan waraanashe Itoopiyaatii basuuf waliigalte” jedhu kan duriidha. Suuran oduus waggaa tokko dura rooytersin kan fudhatameera.

Ebla 16, 2021 ALA, Eritiraan xalayaa irratti  mana maree moottuummoota gamtoomaniif waraanishe akka itoopiyaa keessa jirtu beeksiistee, naanoo Tigiraay keessamoo akka basuuf waliigalte bareesiteefii turte. Odduun kunis rooytersiin gabaafamee ture. Haata’u malee fesbuukii irratti oddun kun kan ammaa akka ta’eetti godhamee maxxanfamee ture, maxxansa oduu kanas Haqchek kan ture akka ta’e hubatee dogogora jedhee ramadeera.

Suuraan kun dhuguma loltuu OLA Faannoodhan shawaa kessatti qabame agarsiisaa?

“Loltuun Ooneeg Shanee kun du’a irraa hafee leencoota Faannoo shawaattin kan qabamedha,” jedhu fuula fesbuukii irratti hordoftoota kuma 24 ol kan qabuun Ebla 19,2022 ALA maxxanfameera.

Maxxansi kunis sochii adda addaa kuma lamaa ol argatee yeroo 300 ol qoodameera.

HaqChek suura kana qoratee akka Soba ta’e dhugoomseera.

Faannoon dargagoo Amaaraa tola oltuummaattin eegumsa biyyattif kan dhabateedha.

Naannolee Amharaa kessatti OLF-Shannen akka miidhaa geesisaa jiru maxxansoonni himan baayyen ni jiru. Maxxansoonni  ‘Social media’ OLF-Shannen akka giddu kaabaa Itoopiyaa godina shawaa kaabaa naannoo Amhara  magaalaa Shawaa Robititti midhaa geesisaa jiru agarsiisaa jira

Karaa Shawaa Roobit irraa gara magaalaa Dassee geessutti ganda Molaalee naannowaa mana jireenyaa 10,000 qabuu Hidhatoota OLF-Shaneen Gubachusaa Gabaasni gabaassera.

Hidhatoonni OLF, Shawaa Roobit irratti dhukaasa bananiiru. 

Aboottin angoo fi jiraattoonni naanno sanaa Hidhatoonni hidhatan  godina shawaa kaaba, aanaa Efraataa fi Gidim naannoo Amharaa akasumas naannoo Kewaat fi Shawaa Roobititi jiraatoota naanicha fi qabeenya irratti  dhukaasa bananii miidhaa geesisuu isaani himaniiru.

Haaluma kanaan nama siyaasaa beekaamaa fuula Fesbuukki isaa  irratti maxxansi “gareen shororkeessaa Oneeg moottumaattin deggarama jiru naannoo Shawaa Roobit irratti miidhaa gudda geesisaa jira” jedhu argameera.

Moottumaan naanoo oromiyaa karaasaattiin karaa qinda’aan duula Ooneeg Shanee dhabamsiisuu akka itti fufu ebla 20,2022 ALA himeera. Moottummaan naanicha gochaan gareen kun uuumata Oromoo irratti miidhaa sukaneesa geessisaa jiru kaayyoos ta’e akeeka siyaasa akka hin qabne hubachiisera.

Suuraan kunis fuula Fesbuukii fi tiwitter adda addaa irratti yaada tokko qabatee looltuun OLF-Shanee hidhaatoota Faannoof harka kennu isaa maxxansaniiru.

HaqChek suuricha qoorachun suurichi guraandhala 12,2022 ALA fuula Fesbuukii irratti barru afaan oroomottin akkas jedhun maxxanfameera; “ Reebba fi hidhamuu gootota oromoo baayyee noonoo Oromiyaa adda addaa kessatti…jaal Abdii-Oromoo fi saboota Oromoo naanoolee Oromoo adda addaatti gara mana hidhaatti geeffamaa jiru. hatatamaan yoo hin gadhiifamne kaabinoota, kaadree godinichaa fi moottumaa federaalaa iirrati tarkaanfin fudhatama.”

Suuraa irratti looltuun mataa guduruu harki isaa hidhame humna  addaa Oromiyaattin marfame miseensa OLA-Shanee akka ta’ee shakamedha.

Loltuun namicha qabamee hidhame duuba jiru uffata uniformii humna addaa Oromiyaa  fi kooffiyaa humnii addaa Oromiyaa ufattu kabateera.

Haata’u malee maxxansoonni wa’ee loola magaalaa shawaa Robit Faannoo Amhaaraa fi humna OLA-Shanee baayyee jiraatuus ,suuraan maxxansa kana gargaaruuf fuula Fesbuukii  fi tiwitter irratti maxxanfamee akka sirri hin taanne dhugoomera. 

Kanaafuu, HaqChek suuricha Soba ta’uusa mirkaneessera.

SOBA: suuran kun saamicha lafa seerala yeroo dhihoo hin agarsiisu.  

Gaafa guyyaa ebla 4,2022 ALF fuulli fesbuukiin hordoftoota 2,100,000 qabu barruun “weerari lafa seerala dhumataa yeroo dhufu amma irrati naannoo lammi kuraa keessatti bakka olmaa dargagoo maqaa qotee bulaatiin fayiidaa dhunfaa addaaf oolaa jira, naannoo hayaatiti bakka taphanaa ijoolee kan ta’e ganama irratti qotamee argame” jedhu tokko suuraa waliin qoodeera.

Maxxansiin kuniis hanga baruun kun bahuuti yeroo 114 qoodame, laykiii kuma 1.2 argateera.Haata’u malee Haqchek maxxansicha hubatee SOBA ta’u isaa dhugoomseera.

Dhihootti magaalaa finfinee keessati baayinaan naanno qaallitti, lammii kuraa, boolee, fi nifaasilk saamichi lafa seera alaa akka jiru argameera. 

Akka gabaasni partiin fallaa guddaa tokko gabaasse agarsiisutti saamichi lafaa kan ta’e warra lafti kan wara keenyaati, isaanis kaassa tokko malee qa’ee isaanitti buqa’an jedhuuni, Akkkasumas gabaasichi gochi seerala kun dalaalootan fi bulchaa magalichaa fi aaniichatin akka raawatame gabaasa. 

Haq Chek maxxansicha xiinxalee suuran ibsamicha ragasuuf maxxanfame akka barreeffama durii gaafa guyaa 29,2019 “direen kubba milaa finfinee warra yeroon kenya jedhun gara lafa qotiisatti jijiramaa jira” kan jedhu irra akka fudhatame ragaassera.

Sanaa booda, haq chek suuraan barreefama deegarruf facebook irratti maxxanfame kan durii fi haala amma naanoon sun irra jiru walin akka wal hin qabanne hubateera.

Kanaafuuu haqchek suuran barruu deegarruf maxxanfame kun SOBA ta’u isaa dhuugomseera.

SOBA: suuraa durii beela tigraay keessa jiru ittin ibsame

Tiwiitarooni lama hordooftoota 225,000 ol kan qaban gaafa guyyaa bitooteesa 13,2022 ALF toora intarneeti twitter irratti garaagarummaa daqiqaa lamaan irra dadeebi’anii yeroo 800 fi 1300 jechama 88 fi 331 maxxansaniru.

Namooni lamaan irra dadeebi’anii toora intarneeta irratti maxxansan ibsama garaa garaa fayyadamuun toora intarneeta irratti qoodaniiru. Isaanis websaayitii ibsama barruu  akkaawuntii abbaattin barra’e gaazexxessa  fi barressaa beekamaa maxxansaniiru. Barreefamni kuniis wa’ee tigiraay keessatti du’a namoota gara kuma dhibbaa ta’an beela namtolcheettin ta’uu malu beekaa univarsiitii dheeree gabaasa. 

Haata’u malee haqcheck suuran barreefama twitter irra jiru deeggaruuf maxxanfame kan duuri fi haala itoopiyaan amma irra jirtu akka hin ibsine mirkaneesera.

Loli humna addaa tigraay fi moottumaa fedaralaa sadaasa 3,2020 ALF yeroo humni eegumsi  tigiraay moora izii kaaba rayyaa ittisa moottumaa fi waajjira mummee isaani irratti haleellaa geessise jalqabe.

Amnesty international moottummaa federaala itoopiyaa tigiraayif waan gargaarsa namuumaa, akkasumas nyaata, qoricha, fi boba’aa akka hin seene dhorkeef yakkaa ture.

Haanqinni nyaataa naannoo kanaas namoota milliyoon 5 ol ta’an beelaf saaxileera.

Haata’u malee partiin bulchaa badhaadhinaa lola jiru karaa nagaatin hiiku barbaadulee  ammayu looli fi balaan qaqabu itti fufaa jira.

Haqcheck suura kana galagalchee(reverse) toora intarneetaraa yoo barbaadu websaayitii rooytresr gaafa guyyaa fulbaana 9,2016 looli itoophiyaa kaaba jalqabu isaa dura maxxansee ta’u issa hubateera.

Royters akka gabaasetti suuri kun suura Mucaa hanqina nyaataatiin midhamee  hospitaala red seaport magaalaa houdieda,Yeman keessa sireera ciisudha. Suuran kunis kan ka’e suura kaasaa royters abduljabbar zeyad kan jedhamuni.

Suura duraa

Xumurarattis Haqcheck suuran kun bitooteesa 21,2022 ALF akka barreesitootan jijirame dhugoomsra.

Kanaafuu haqcheck suuran barreefama deegaruuf maxxanfame kun kan durii fi qabiyee bareefamaa walin wal hin fakkaatu jechun SOBA jedhee ramadeera.

SOBA: Suuran kun mana yeroo dhihooti walloo kessati gubachaa jiru hin agarsisu

Gaafa guyyaa bitootesa 13,2022 ALF  toorri  intarneetaa twitter barruu mata dureen isaa yeroo dhihootti mana walloo keessaati gubate jechuun suuran deegaruun maxxanseera. kunis kan ta’e  looltoota amaraattin yoo ta’u Manooni gubatanis kan dhalatoota oromoo jiraattoota walloo anaa daaroti jedheera.

Haata’u malee Haqcheck maxxansicha hubatee suraan toora intarneeti twitter barruu deegaruuf  walqabate jiru kan durii fi mana yeroo dhihoo walloo keessatti gubate akka hin taane mirkaneesera.

mootummaa naanno Amaaraa keessati godiini addaa bakka baayinaaan dhalatooni oromoo qubatan  jira. Goddini kuni fi Naannoon mootummaa Amaaraa kunis baayinaan jeequmsaan beekama.

Waggaa tokko dura godina addaa Oromiya fi daangaa godina shawaa Kaaba irrati  looli ka’ee  ajjeechan namoota baay’ee  fi barbadiin qabeenyaa akkasumas  mana irratti qaqabeera.

Akka mataduree arman olii toori intarneeti twitter ibseeti yeroo dhihooti manni looltooni Amaaraa guban, mana jiraatoota oromoo walloo keessa jiraatan ta’u isaa hima.

Toori intarneeta twitters deggarsa barruu baraa’ef suura mana gubachaa jiru  kana maxxanseera.

Haata’u malee maxxansi  suura kanaa mudanoo yeroo dhihoo  osoo hin taane maxxansa waggaa tokko fi ji’oota tiqqoo dura gaafa muddee  23 ALF  intarneeta adda addaa irraatti mata duree “ ajjeechaa hudduminaanii moottumaa naannoo benishangul gumuz” irraa kan fudhatamera.

Kanaafuu Haqcheck suuran barruu deegaruuf  maxxanfame SOBA ta’uu isaa mirkaneeseera.

Exit mobile version