Tooftaalee Odeeffannoo Sobaa Damee Gorsa Barnoota Biyya Alaa 

Ministeerri Barnoota Itiyoophiyaa ga’umsa barattootaa madaaluuf qormaata kutaa 12ffaa ykn seensa yuunivarsiitii dabalatee madaallii sadarkaa isa eeggate ni gaggessa.

Waggoota dhiyoo asitti sadarkaan darbiinsa waliigalaa hir’ina guddaa kan argisisee yoo ta’u, kunis yaaddoo gudda uumeera.

Kufaatiin kun barattoonni karaalee filannoo barnoota olaanoo akka qoratan kan taasise yoo ta’u, fedhiin carraa barnoota biyya alaa akka dabalus taasiseera.

Haa ta’u malee, fedhiin dabale kun indaastirii gorsa barnootaa biyya alaa keessattis gochoonni gowwoomsaa akka uumaman taasiseera.

Dhaabbileen gorsaa kenan kan maqaa gaarii qaban osoo jiranii, tooftaalee dogoggoraa namoota dhuunfaa naamusa hin qabne damee kana keessatti fayyadaman saaxiluun barbaachisaa dha.

Barreeffamni kun gochoota gowwoomsaa kana irratti ifa baasuu kan kaayyeffate yoo ta’u, yeroo gorsaa barnootaa filatan barbaachisummaa murtoo odeeffannoo irratti hundaa’e kennuu cimsee ibsa.

Itiyoophiya keessatii Haalli gorsa barnoota biyya alaa gorsa adda addaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, sadarkaa seera qabeessummaa adda addaa qaba.

Dhaabbileen gorsaa kenan tokko tokko hayyama galmaa’een kan hojjetan yoo ta’u, kaan ammoo hayyama sirrii malee kan hojjetan ta’uu ibsameera.

Keessattuu gochoonni gowwoomsaa dhaabbilee gorsaa hayyama hin qabne ykn seeraan alaa kanaan qacaramanii baay’achuun isaanii yaaddessaadha.

Ragaaleen akka agarsiisanitti, dhaabbileen gorsa kenan kun waadaa sobaa fi beeksisa dogoggoraa irratti bobba’uun isaanii dabalaa dhufeera, kunis adda durummaan karaa waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa beekamoo kannen akka TikToki, feesbukii, fi Inistagrami fayyadamuu.

Beeksisni kun yeroo baay’ee waa’ee seensa wabii yunivarsiitiiwwan beekamoo, carraa barnoota (scholarship)  fi carraa hojii eebba boodaa bu’aa guddaa argamsiisu irratti himannaa garmalee ni dhiyeessu.

Haa ta’u malee, waadaaleen kun yeroo baay’ee bu’uura kan hin qabnee fi adda durummaan barattoota saaxilamoo ta’an kanneen abdii kutatanii fi egeree isaanii mirkaneessuuf barbaadan hawwachuuf kan tajaajilanidha.

Dhugaan jiru garuu, seensa yunivarsiitiiwwan beekamoo ta’an dorgommii olaanaa kan qabu, carraa barnoota (scholarship) kan daangeffamee fi carraan hojii eebba boodaa wantoota hedduu irratti kan hundaa’u ta’uu isaati.

Tooftaan gowwoomsaa kan biraan dhaabbileen gorsaa kenan maqaa gaarii hin qabne fayyadaman ragaa fi walitti dhufeenya soba gochuudha.

Amanamummaa argachuuf dhaabbileen gorsaa kenan kun yunivarsiitiiwwan beekamoo, dhaabbilee mootummaa ykn qaamolee beekamtii kennuu hin jirre waliin tumsa tolchuu danda’u.

Bakka bu’oota dhaabbilee beekamoo hayyama qaban ta’anii of dhiyeessuun hawwii barattoota fi maatii isaanii fayyadamuun qajeelfama amanamaa argachaa akka jiran akka amanan isaan taasisa.

Dabalataanis, gorsitoonni maqaa gaarii hin qabne seenaa milkaa’inaafi ragaalee tolchuudhaan, barattoota tajaajila isaaniitiin bu’aa ajaa’ibaa argatan jedhaman jechun ragaa enyummaa sobaa uumuu danda’u.

Seenaawwan milkaa’inaafi ragaaleen tolfaman kun maamiltoota ta’uu danda’an irratti amantaa uumuuf tarsiimoodhaan marsariitiiwwan, birooshuraalee fi waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa irratti kaa’amu.

Haa ta’u malee, seenaan kun dhugaa ta’uu irraa kan fagaatee fi barattoota too’achuudhan dogoggorsuuf akka malaatti kan tajaajilu dha.

Kana malees, dhaabbileen gorsa kenan tokko tokko odeeffannoo faayidaa isaaniif jecha too’achuun, ibsa murteessaa ta’e kan akka baasii qabatamaa, viiza barbaachisu, ykn haala gabaa hojii bakka filatame keessatti mul’atu dhorku.

Miira nageenyaa sobaa uumuudhaan barattoonni murtoo odeeffannoo hin qabne kan maallaqaa fi hojii irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼu akka murteessan sossobu.

Yeroo tokko tokko dhaabbileen gorsaa kenan ergamtoota qacarrii ykn bakka bu’oota yunivarsiitiiwwanii ta’uu isaanii himuudhaan hojiiwwan hayyama hin qabne irrattillee bobba’uu danda’u.

Kutaalee galmee waliin kallattiin walitti dhufeenya qabaachuu fakkeessanii adeemsa iyyannoof kaffaltii garmalee kaffalsisuu danda’u.

Yuunivarsiitiiwwan seera qabeessa ta’an barattoota qacaruuf karaalee fi ergamtoota hayyamaman ramadaman qabaachuu isaanii hubachuun barbaachisaadha.

Barattoonni gochaalee hayyama hin qabne kanaan kufan maallaqa dhabuu, iyyannoo sobaa irratti yeroo qisaasuu fi carraa galmee dhaabbilee beekamoo ta’an argachuuf qaban balaadhaaf saaxiluu danda’u.

Dhaabbileen gorsaa kenan barnootaa tokko tokko maallaqa kiishaa fi uwwisa barnoota guutuu yunivarsiitiiwwan murtaa’an keessatti dabalatee deeggarsa maallaqaa hawwataa ta’e waadaa galuu danda’u.

Haa ta’u malee, mirkaneessi sobaa kun yeroo baay’ee iyyannoo viizaa akka didu taasisa, kunis dhiphina guddaa fi rakkina maallaqaa fida.

Carraa argachuuf kuttannoo guddadhan adeeman namoonni dhuunfaa hedduun gochaalee hannaa kanaan kufanii kasaaraa maallaqaa guddaa isaan mudateera.

Dhaabbileen gorsaa kenan kun dursanii hanga birrii kuma 300 gaafachuu malu, kunis maatii Itiyoophiyaatiif maallaqa guddaadha.

Maatiin tokko tokko ijoollee isaaniif egeree ifa taʼe argachuuf jecha lafa isaanii gurguruutti illee gargaaramuu.

HaqCheck tattaaffii isaa gowwoomsaa kanaa fi odeeffannoo dogoggoraa kanaan walqabatu saaxiluu iratti kan hojecha jiru dha. Muuxannoon gaddisiisaa namoota dhuunfaa kanaa miidhaa miiraa fi maallaqaa gochoota gowwoomsaa kanaan geessisan kan hubachiisu yoo ta’u, namoonni biroo malawwan sobaa akka hin miidhamneef indaastirii gorsaa barnootaa biyya alaa keessatti dambiiwwanii fi to’annoo cimaa hatattamaan barbaachisuu isaa cimsee ibsa.

Iyyattoonni harki caalaan isaanii dhugaadhaan barnoota olaanaa hordofuu kan barbaadan yoo ta’u, namoonni dhuunfaa tokko tokko biyyaa gadhiisanii koolu galtummaa gaafachuuf abdii qaban qofaan kan kaka’anidha.

Murtoon kun, koolu galtoota Toroontoo keessatti mana dhabuun isaan mudate birattillee, dhiibbaa odeeffannoo sobaa babal’ate kan mul’isudha.

Odeeffannoo dogongoraa babal’achaa dhufeef deebii kennuudhaan lammiileen Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan carraa barnootaa milkaa’inaan hordofan sanada fi hojimaata iyyannoo barbaachisu ilaalchisee odeeffannoo bal’aa karaa adda addaatiin dammaqinaan qoodaa jiru.

Namoonni dhuunfaa akka Ohub irra Estifanos fi Gediyon irraa qajeelfama gatii guddaa qabu kan kennan keessaa tokko.

Waltajjiiwwan amanamoo ta’an kan akka Col John Robinsan Ameerikaa Corner barnoota biyya alaa ilaalchisee odeeffannoo fi ibsa sirrii ta’e ni kennu.

Yeroo hunda agarsiisa barnootaa imbaasii Ameerikaa fi Satchmo Center keessatti kan qopheessan yoo ta’u, barattoonni ogeeyyii karaa seeraa carraa barnoota (scholarship) fi viza argachuuf ibsa bal’a kennan waliin wal qunnamuuf carraa argatu.

Gorsitoonni barnootaa barattoota qajeelchuu fi gargaaruuf kutannoo dhugaa agarsiisan jirachuu illee, tooftaalee odeeffannoo sobaa namoota dhuunfaa naamusa hin qabne damee kana keessatti fayyadaman adda baasuu fi saaxiluun murteessa ta’ee itti fufa.

Barattoonni fi maatiin isaanii gorsaa kamiyyuu waliin osoo hin bobba’iin dura of eeggannoo guddaa gochuu fi qorannoo gadi fageenya qabu gaggeessuu qabu.

Mirkaneessitoota mirkaneessuu, yaada barbaaduu fi odeeffannoo of eeggannoodhaan qaxxaamuranii ilaaluun murtoo odeeffannoo irratti hundaa’e murteessuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoodha. Barattoonni beekumsaa fi meeshaalee filannoo hubannoo qabu akka godhan humneessuun hawwii barnoota isaanii eeguu keessatti murteessaadha.

Exit mobile version