SOBA: Suuraan kun milishaan Oromoo gandoota Somaalee yeroo haleelan agarsiisaa?

Fuulli X (maqaa isa duridhaan Twitter)  hordoftoota hedduu qabu tokko suuraa Adoolessa 18, 2023 qooderatti, milishaan Oromoo gandoota Somaalee fi kaampii baqattoota Somaalee guddicha naannoo sana jiru irratti haleellaa raawwatan agarsiisa jechuun qoodera.

Fuulli X kun haleellaan kan rawwatama jiru deggarsa mootummaa naannoo Oromiyaatin fi kaka’umsa saamicha lafaatiin akka ta’e ibseera.

Tiwiitiin kun gara yeroo 300 kan qoodame yoo ta’u, deebii 400 ol argateera.

Haa ta’u malee haqcheck maxxansa kana sakatta’ee suuraan kun kan yeroon isa turee ta’u fi himannaa kana kan hin deeggarre ta’u isa mirkanessera.

Halaa kanan HaqCheck himannaa kana Soba taasiseera.

Akka gabaasa BBC News report Fulbaana fi Amajjii 2017 ibsutti, kibba Oromiyaa aanaa Negele Borena keessatti humni waraanaa gartokkee naannoo Somaaleetiin deeggaramee naannoo sanatti haleellaa raawwateen lubbuun namoota dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamusanii ibsera.

Saboonni Oromoo humni poolisii addaa naannoo Somaalee haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa qaba jechuun himataniiru.

Mootummaan naannoo Somaalee himannaa kana haalee, inumaayyuu qondaaltonni olaanoo mootummaa Oromiyaa keessa jiran Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)f mararfata jechuun himate.

Hawaasni Oromoos ta’e Somaalee naannoo daangaa naannolee lamaan gidduu jiraatu.

Hawaasni lamaan baay’inaan tiksee kan hojjetan yoo ta’u, dheedichaa barbaaduuf daangaa naannolee lamaan ce’anii socho’u.

Haala kana keessatti, akkaawuntiin X (Twitter) tokko suuraa milishaan Oromoo mootummaa naannoo Oromiyaatiin deggaramee gandoota fi kaampii baqattoota Somaalee guddicha bulchiinsa naannoo Somaalee Itoophiyaa halellaa gessifame jedhun qodhera.

HaqCheck himannaa kana qoratee suuraan kun yeroon isaa kan ture ta’uu isa fi himannaa kana kan hin deeggarre mirkannesera.

Suuraan jalqabaa maxxansa kana keessatti fayyadame Hagayya 2019 Feesbuukii irratti kan maxxanfame yoo ta’u, paartiin sabboonummaa naannoo Somaalee keessatti argamu Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadeen (ONLF) ummata Qolajii gargaaruuf hojii gahaa hin hojjenne jechuun qeequun akka maxxanfame argamera.

Suuraan lammaffaan kun kanaan dura Caamsaa 2018 Daily Mail irratti kan maxxanfame yoo ta’u, barreeffamni kun kaalifoorniyatti akkaataa sararoonni humnaa muka tuquun ibidda bosona afuritti gamoolee 134 akka barbadeesse ibseera.

Kanaafuu, HaqCheck maxxansa X (twitter) kana suuraa sirrii hin taane waan fayyadameef maxxansa kana Soba jedhee jirra.

HaqCheck odeeffannoo dabalataa argachuuf nama himannaa kana dhiheesse bira ga’uuf yaali godhe ture, haa ta’uu malee himataan hanga barreeffamni kun maxxanfamutti deebii hin kennine.

Exit mobile version