Dhugaa mirkaneessu

Soba: Fakkiin RIB meeshaa harawaa argachuu isaa hin agarsiisan

Gaafa guyyaa Fulbaana 27, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 69,000 ol qabu tokkoo Rayyaan Ittisa Biyyaa meeshaa “VTOL drones” jadhamu battachuu isaa oduu gammachiisaa jachuun maxxansee ture. Dabaleetis Diroonin kun radaara ala bahuun ka hojjatu yeroo ta’uu tekinooloojii diina irratti balaa guddaa fiduu danda’u isaa ibsa.

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee soba ta’uu isaa dhugoomseera.

Erga loolli Tigraay keessaatti eegale RIB diroonii fayadamuu isaa beksiisee ture. Kanaan alas Diroonii Iraan RIB fayyadama irra olchuu isaa odeeffannoon adda-addaa bahaaniiru. 

VTOL drone Maliinii?

VTOL jachuun vertical take-off and landing jachuudha. Iniis Diroonootaafi xiyaara Helikoftara ka mul’isu yoo ta’u diroonii ol ka’uufi gad bu’ee dhaabachuu ka danda’uu ta’uu isaa ibsa. Gareen VTOL UAV bayyee bekamus multicopter drone dha. 

VTOL Konstiraakshiniif, industrii zayiitiif gaaziif, surveyilansiif, Seekuuritif kkf hojjachuuf gargaara. Walumagalaanis Dirooniin (UAV) haalaa garee isaanii irratti hundaa’ee wantoota garagaraaf ka fayyaduudha

Haala armaan oliitti ibsametti Dirooniin VTOL jadhamu akka poostii Fesbuukii kana irratti himametti diroonii loolaf fayyadufi radaarii ala miidhaa geessuuf ka fayyadu waan hin taaneef Soba godha.

Dabalataanis Wanta HaqCheck hubate keesaa inni tokkoo fakkiiwan maxxansichaa waliin walqabatanii maxxanfaman reverse image search in qorachuun suuraaleen kuun Sadaasa 14, 2018 ALF Xinhua irratti yeroo jalqabaaf maxxanfamuu isaanii dhugoomseera. Oduun kuniis humni Itoophiyaa Beejiing keessatti leenjii wa’ee dirooni fudhachuuf hirmaachuu isaani gabasaa. 

Kana malees yuuniiformiin RIB bara 2019 ALF jijjiramuun isaa waan beekkamuuf uffanni fakkii kana irratti uffatan kuni ka turee akka ta’ee hubaneera.

HaqCheck Sababa armaan olii ibsiineef maxxansiin feesbuukii kun maxxanse Soba jadhee ramadeera.  

Soba : Fakkiiwan kun US Itoophiyaaf meeshaa kennuu ishii hin argisiisu

“Mootuumman US dhihoo kana meeshaa miliiyoona $2.9 ta’uu RIB Itoophiyaaf kennite” jachuun Fuulli Feesbuuki gaafa guyyaa Fulbaana 26, 2014 ALI maxxanse. 

Maxxansichii Fakiilee Konkolatoota mul’iisaan lama fayyadameera. Dabalataanis Biyyi itoophiyaan hojii Al-shabab ittisuuf deegaruuf olaa ka jadhuu yoo ta’u, yeroo 10 ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck poosticha hubatee fakkiileen kun akkuma jadhameeti waan hin ibsineef Soba jadhee ramadeera. 

Mootuummaan US seenaa Gargaarsa Itoophiyaaf keenuu qaba. Biyyi Itoophiyaan US waliin yeroo Mootichaa, yeroo Loola Qorraa fi miidhaa shororkeesitoota 9/11 booda michuu ta’uun beekkamti. Al-shabab rukutuu irrattis US gargaarsa goochaa turuu ishii ni beekkama. 

Haata’uu malee Faakkiileen kun akkuma jadhameetti Mootuumman US yeroo dhihoo kana meeshaalee Itoophiyaaf deegaruu ishii in agarsiisu. Fakiileen kun ka ibsaniis Ameerikaan Itoophiiyaaf gargaarsa goochuuf yeroo Wagga dura ibsamuu isaa mul’isa. Koonkoolaatoonifi Ambulaansiin suuraa irratti mul’atan Dipartimenti Militarii Ameerikaan Itoophiyaaf Fulbaana 19, 2013 ALI Deegaruu isaa agarsiisa. Meeshaaleen kuniis miliyoona $2.9 kan basaan yoo ta’an Al-shabab Ittisuuf oolu. 

Fakkin duraa dhaabbani Miidiiya Yunaytid Arab Imreet ka ta’e Al Ain ka maxxansedha. 

Waliigalaan Itoophiiyaan yeroo dhihoo kan mootuumma US irraa deegarsaa loola akka argatee waan hin agarsiisneef HaqCheck maxxansicha Soba jadhee dhuugoomseera. 

Soba: Fakkiin kun Humna Qillensaa Itoophiyaa akka dalaga irra jiru hin agarsiisu.

Gaafa guyyaa Fulbaana 2, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 100,000 ol qabu tokkoo “Humna Qillensaa Itoophiyaa dalaga irra” jachuun fakkii lama walfakkatan maxxansee ture.

Hanga barruun kun maxxanfamutti maxxansichi yeroo 160 olifi gurmuu fesbuukii adda-addaa keessatti qoodame ture. Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee soba ta’uu isaa dhugoomseera. 

 

Maxxansichiis midiyaa hawasa irratti ka naana’e haala loola Itoophiyaa keessaa jiruun. Loolli kun Onkololeessa 2013 ALI irraa jalqabee hanga amatti Mootumma Fedaralaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigiray (ABUT ) jedduu itti fufuun isaa ni beekkama. Loollis kan jalqabe erga Mootummaan Federalaa ABUT Ajaja bahaa raayaa ittisa biyaa miidhuun yakee waraana itti bane booda. Kanaan walqabatees Qajeelchaan Humna Qillensaa Itoophiyaa Diroonii loola kana irratti fayyadama irra oolu midiyaaf dubbataniiru.

Haaluma kanatti, fakkii maxxansa fuula fesbuukii armaan ol kaasne  Barbaadaan duuba-deebi Fakkiin yeroo qorannu fakkiin vidiyoo gaafa guyyaa waxabajjii 15, 2017 ALF YouTube irratti maxxanfamerra ka fudhatamedha. Mata dureen vidiyoos “how quickly can the nato forces react ?  Military exercise in Romania with NATO VJTF” kan jedhu yoo ta’u yeroo Miliyoona 15 ol ilaallamera. Warabbiin kan mul’isuus shaakala wattadaraa “Exercise noble jump 17” jadhamu Romaniyaa keessatti godhamedha. 

Kanaafuu Fakkiin Humni Qillensaa Itoophiyaa Tigray keessatti dalaga irra akka jiru ibsu kun Soba. 

Soba: Vidiyoon lola adda Affaar irra jiru hin agarsiisu.

Fulbaana 7 irra jalqabee vidiyoon naana’u tokko Fuula Fesbuukii hordooftoota 35,000 ol qabu maxxanfame “Gootni Affaari fi RIB waliin ABUT yeroo Afaar keessaa basan agarsiisu nu gahe..” jadhee ture. Maxxansichi hanga barruun kun maxxanfamutti 3800 ol qoodameera.

Haata’u malee Vidiyoon kun akka fuula fesbuukii kanarratti maxxanfametti lola Affaar keessa jiru waan hin agarsiisneef HaqCheck soba Jedheera.

Mootumma Fedaralaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigiray (ABUT ) jedduu Onkololeessa 2013 ALI irraa jalqabee hanga amatti looli itti fufe jira. Loollis kan jalqabe erga Mootummaan Federalaa ABUT Ajaja bahaa raayaa ittisa biyaa miidhuun yakee waraana itti bane booda. 

Mootuummaan Federalas Magaalaa ijoo Maqalee Sadaasa 28,2020 too’atee ture. Garuu Mootuummaan naannicha haa too’atu malee naannichi hin qabbanoofne ture. Ji’oottan Sadeet booda Mootuummaan Fedaralaa Dhukaasa-dhaabbi gartokkee labsuu isaa gabaasameera. Dhukaasa-dhaabbi booda RIBI Tigraay keessa bahe. Kana boodas loolli Tigray keessa gara naanoo Amaraafi Affar bal’atuun isaa ni bekkama.

Postiin Feesbuukiin kunis haala kana keessatti naana’e.

Haata’u malee Barbaadaan duuba-deebi Fakkii Screenshot viidiyoo irraa ka’e qorannaan vidiyoon kun Itoophiyaa keessaa akka hin warabbane fi yeroo dhiyoo kana akka hin maxxanfamnes Dhugomsamera. Waraabbin duraas lola Swudii fi Yaman jedduu tureen Jizaan Akisiis keessaa Eebla 29 ALF ka maxxanfamedha.

Waraabbin dura

Kanaafuu gaafatamni “Vidiyoon kun Affaar keessa” jadhu Soba ta’uun isaa mirkana’era.

Soba: Fakkiin kun Maqaleen reefu rasaasa ulfaataadhan akka rukkutamte hin agarsiisu.

Fuulli Feesbuukiin hordoftoota 11,000 ol qabu tokkoo maxxanssa gaafa guyyaa Phaagumee 3, 2013 ALI Afaan Amarifaatin maxxanseen, “Har’a halkaan sa’a 9 Maqaleen keessatti loolli rasaasa ulfaataadhan ture. Dhukansis hanga magaalaa Affaar Ab’ala kan Km 49 maqalee irraa fagaattuti dhagahamu isaa jiraattoonni magaalicha himaniiru ” jadhee ture.

Haata’u malee maxxansii fuulli feesbuukiin kun SOBA.

Onkololeessa 2013 ALI irraa jalqabee hanga amatti Mootumma Fedaralaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigiray (ABUT ) jedduu looli itti fufe jira. Loollis kan jalqabe erga Mootummaan Federalaa ABUT Ajaja bahaa raayaa ittisa biyaa miidhuun yakee waraana itti bane booda. 

Mootuummaan Federalas Magaalaa ijoo Maqalee Sadaasa 28,2020 too’atee ture. Garuu Mootuummaan naannicha haa too’atu malee naannichi hin qabbanoofne ture.

Ji’a 8 booda Mootuummaan Fedaralaa Dhukaasa-dhaabbi gartokkee labsuu isaa gabaasameera. Dhukaasa-dhaabbi booda RIBI Tigraay keessa bahe. Kana boodas loolli Tigray keessa gara naanoo Amaraafi Affar bal’ate.

Postiin Feesbuukiin kunis haala kanaan maxxanfame. 

Haata’u malee Fakkii duubatti deebisuudhan qorachuun fakkichi yeroo jalqabaaf kan qoodame sadaasa 6, 2013 ALI  gabaasa VOA Amaariffa irratti.

Gabaasichiis Maqaalee keessatti rasaasni qilleensaa akka gessame fi namni tokko du’uu isaa ibsa. 

Kanaafuu postiin Feesbuukiin kun akka ibsetti Fakkiin reefu Maqalee keessatti loola rasaasa ulfaataan geessame waan hin agarsiisneef HaqCheck Soba jedheera.

Dhuguma Baankoonni badhaasa adda-addaa Telegiraam irratti qopheesaniruu?

Fuulli Telegiramiin adda-addaa maqaa fi loogoo Bankii daldalaa EtoophiyaaBankii Abbay fi Bankii Amaaraa fayyadamuun ergaa qoodaa turuu isaanii ilalameera. Ergaan maxxaansoonni Telegiraami kunis Bankoonni wagga harawaa Itoophiyaatif fuulli Telegiraamin akka sochaa’u carraa badhaasaa qopheesuu isaani ibsa.

Hanga barruun kun maxxanfamutti Chaanaaloonni Telegiramiin kun akka walitti anuu isaanitti hordoftoota 52,350, 7,733 fi 67,480 qaban.

HaqChek maxxansoota qorachuudhan ERGAA GOWWOOMSINAA ta’uu isaani dhugoomseera. 

         

    

 

 

Fuulli Teleegramii Duraa “Baga gamaddan! Sababa Bankiin daldalaa Itoophiyaa Bu’aa Tiriliyoona 1.1 argateef Pirezidantiin Bankii kenya Obboo Abii Sanoo Hanga fulbaana 5 badhaasoota adda-addaa qopheeseera.” jadhee badhasoota tareedhan lafa kaa’a.

Badhaasnis isa 1ffaa kan ta’ee “konkolaataa miila sadi’ii hanga qarshii 300,000 tilmaamaman namoota 200f” kaasee hanga badhaafama 5ffaa “qarshii kuma 5 fi mobayila namoota 100f” gahuuti tareesera. Dhumarrattis namni badhaafamuu barbaadu dura Chaanalicha seenuu fi maxxansicha namoota 50f qooduu dirqama ta’uu isaa akeekkachiisa.

Fuulli Isa Lammafaa moo “Carraa keessan yaalaa. Wagaa haraaf badhaafaama addaa 500,000 Bankii Abbay irra” jadhee jalqaba. Itti fufeetis badhaasoot Tokkoo hanga jahaa tarreesa. Badhaasa argachuufis dura chaanaalicha seenuu, achumaanmoo Ergaa kana namoota 50f qooduu, dhumarratti gara Gurmuu Telegiraami maqaa bankichaan baname keessa miseensa ta’uun akka barbachisu hubachiisa. 

 

Fuulli Sadafaanis “Chaanalicha keessa seenuu fi maxxansicha namoota 50f qooduun badhaasoota adda-addaa badhafaamuu akka danda’an ergaa dabarsa. Kanaafis Baankiin Amaaraa wagaa haaraa 2014 ALI waan Hoojii jalqaabuuf maamila bayiisuuf badhaasa qoopheesuu isaa himuun Sababa kan godha. 

HaqCheck oddeeffanicha dhugoomsuuf miseensa boordii Baankii Amaaraa kan ta’an Dr. Laxeenah Ijjiguu dubbiseera. Dr. Laxxeenah “Maxxansoonni Telegiraami maqaa Baankii Amaaraatiin bahaan soba.” jadhaniiru. Walqabsiisanitiis “Baankiin keynaa hanga amma fuula miidiiyaa hawasaa Homaa akka hin qabneefi maamiltoonni keenyaas odeeffannoo sobaa irraa ofeegganoo godhaa.” jadhaanii hubachiisaniru. 

Haala biraatiin torbaan jaha dura Baankiin daldalaa Itoophiyaa Fuula Fesbuukii ifaa isa irratti maamiltoon isaa fuula soba maqa dhabbatichaan banaman irraa akka of eegan hubachiisuun Fuuloota miidiyaa hawasaa dhabbatichi ittiin fayyadamu tareeseera. 

Walqabatees Chaanalooni Telegiraamii toora intarneeta Baankiin daldalaa Itoophiyaa fi Baankii Abbay irraatti walqabatan keesaa waa’ee badhaasni wagaa haaraa Telegiramii irratti geefamu akka hin jiraannee Ilaaleerra. 

Kanaafis HaqCheck maxxansoonni Telegiraamii irrati marsan Ergaa Gowwomsinaa ta’uu isaa dhugoomsee.

Fayyadamtoonis maxxansoo akkanaa yeroo ilaalan:

  • Maqaa toora intarneetichaa hubachuu
  • Odeeffanoo bakkumatti amanuu iraa of eeguun malaan ilaalu 
  • Yeroo fudhachuun qoruu
  • Dhabbata maqaan isaa kaafame dhuunfaan gafaachuun odeefaanoo soba irraa akka of eegan gorsina.

 

 

Dhuguma Dirooniin humna ABUTiin rukutameeraa?

Maxxanssi Tiwitar tokkogaafa guyyaa Hagayya 20, 2013 ALI Afaan Ingilifaatin maxxanseen, “…Humni Ittisaa Tigiray (ka ABUT jadhamu) dirree loolaa Amaraatti Diroonii loolaa Mootummaan Fedaralaa ittin fayyadamu rukutee ” jadhee ture. 

Tiwitichii hanga barruun kun maxxanfamutti yeroo 375 ol yemmuu qoodameera. HaqCheck maxxansi Tiwitara kana SOBA jedheera. 

Onkololeessa 2013 ALI irraa jalqabee hanga amatti Mootumma Fedaralaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigiray (ABUT ) jedduu looli itti fufe jira. Loollis kan jalqabe erga Mootummaan Federalaa ABUT Ajaja bahaa raayaa ittisa biyaa miidhuun yakee waraana itti bane booda. 

Loola kana irrattis qondaalli RIB waraanaf Dirooni ammayyaa fayyadaratti ooluu himan.

Haata’u malee Fakkii duubatti deebisuudhan qorachuun fakkichi dhimma loola Tigiray waliin akka wal hi qabanne dhugoome. Fakkiin duraa yeroo jal qabaaf kan qoodame Onkoloolessa 20,2020 ALA yemuu ta’uu, innis Diroonin Turk waraana Ittisaa Artsakhtiin loola 2020 Nagorno-Karabakh irratti yeroo rukutame kan ka’edha. 

Fakkii Jalqabaa 1 

Fakkiin lammafaa Adoolessa 16, 2020 ALA kan kodamedha. Iniis yeroo Droonii Arman Humna Azarbajaanin rukutamee toora baahaa biyyatirrati kufe kan ka’eedha.

Fakkii duraa 2

Kanafuu, HaqCheck Diroonin Mootummaa akka tuwitii kana irratti jedhame human ABUTiin akka hin rukutamne dhugoomseera. Kanaafuu, maxxansi Tuwitari kun SOBA jedheera.   

Dhuguma MM Abiy Ahimad Kooriyaa kaaba Deemaniruu?

Fuulli Feesbuukiin hordoftoota 106,878 ol qabu tokkoo maxxanssa gaafa guyyaa Hagayya 19, 2013 ALI Afaan Amarifaatin maxxanseen, “Muummichi Minsteera Itoophiyaa Abiy Ahimad Dow’anna hojii guyyaa lamaaf gara Kooriyaa Kaaba deeman.” jadhee ture.

Postichis hanga barruun kun maxxanfamutti yeroo 730 ol yemmuu qoodamu riakshinii kuma 6 ol kan argatedha. HaqCheck maxxansi fuula feesbuukii kuna SOBA jedheera.   

Torbee dura Harayya 12 MM Abiy Ahimad dow’annaa guyyaa tokkoof gara biyyaa Turk deemani Prizidanticha Rasip Tayib Erdoogaan walin wal argani turan. Wal gahii Hooggantoota biyyoota lamaani irrattis walii galtee Lolaa dabalee waa’ee naanoo fi waa’ee dhimma walii biyyootaan lamaani irratti mari’ataniiru.

HaqCheck fakkii maxxanffame hubateera. Fakkii duubatti deebisuudhan qorachuun fakkichi jalqabaaf Biiroo Ministira Muumee Itoophiyaatin maxxanffamuu isaa, innis guyyuma kana waggaa 2 dura Hagayya 19,2011 ALI yeroo MM Abiy Ahimad Pirezidanii Kooriyaa kibba Muun Ja’e argachuuf Kooriyaa kibba See’uul gahu kan ka’e ta’uu isaa hubateera. 

Fakkii Duraa

Fakkii: Fakkiin yeroo MM Abiy Ahimad Kooriyaa kibba dow’atu kan ka’edha

Dabalataanis guyyaa Hagayya 20, 2013 ALI MM Abiy Ahimad Pirezidantii Sudaan kibbaa Salvakir Mayardit Finfinneetti simataniiru.

Hanga barruun kun maxxanffamutti  Imaala Kooriyaa kaabaatiin wal qabatee beeksiisni ifaa garee mootummatin bahe hin jiru. 

HaqCheck Muummichi Ministeera Itoophiyaa Abiy Ahimad akka fuula feesbuukii kana irratti jedhame gara Kooriyaa kaaba akka hin deemne  dhugoomseera. Kanaafuu, maxxansi fuula feesbuukii kun SOBA jedheera.   

Pireziidantiin Turk lolli Tigraay akka dhabbatu Araarsuuf yaada Dhiyeessaniruu?

Al Jaziiraan Ingiliffaa Hagayya 13, 2013 ALI, barruu mata dureen isaa ‘Erdooğaan lolli Tigraay Itoopjiyaa akka dhabbatu Araarsuuf yaada Dhiyeessan’ jadhu fuula Fesbuukii isaa irratti qoodee ture.

Barruun kuniis barruu dabalata “Pirezidantiin Turk Ministira Mumee Itoophiyaa argataan. Waali-galtee ykn Marii ifa bahe garuu hin jiru.” Jadhu waliin Fesbuukii irratti qoodamee. Postichi kuniis fayadamtootan yeroo 437 ol kan qoodame fi ri’akshinii 3,000 ol kan argatedha.

Haqcheck qabiyyee toora intarnetichaa hubatee barruun Pirezidantiin Turk Rasiip Tayib Erdoogaan waraana Tigraay ItoopHiyaa dhaabuuf jaarsa ta’uuf akkaa yaalaan waan ibsu akka hin jirree mirkaneesse. Possti Fesbuuki fi barruu toora-intarneticha jeduu wal-qunnamtii kijibaa wan jiruuf HaqCheck poosti Fesbuukii kana MATA-DUREE DOGOGGORSISAA jadhee madaale.

MM Itoophiyaa Hagayya 12, 2013 ALI gara Turk Ankaaraa dow’annaa hojii guyyaa tokkoo  godhanii turaan. Isaaniis Waa’ee naanoo fi dhimmaa biyya lamaanii marii’atanii turaan.

Erdoogaan waraana Tigraay Itoophiyaa nageenyaan akka hiikamuu kan deegaraan ta’uu isaanii dubbatan.

Pireziidantichis waldhabina dangaa Itoophiyaa fi Suudaan jeduu jiruu isa sababa lafaa qootamu Al fashaqaa jadhamuun dhufe, jarsaa ta’uu fedhii akka qaban ibsaniru.

Dabalataanis Alarabiyaan Ingiliffaa oduu wa’ee Pireziidant Erdoogaan loola Tigraay akka dhaabatu jaarsa ta’uuf yaaluu isaani ibsu maxxanse.

Poostiin Fesbuukii Al jaziiraanis mata-duree “Erdoogaan loola Tigraay Itoophiyaa akka dhaabbatu jaarsa ta’uuf yalaan” jadhee bahe.

Fakkii: Barruu toora-intarneeticha irra jiru.

Hataa’u malee barruun toora-intarneeta irra jiru wa’ee Pireziidant Erdoogaan loola Tigraay Itoophiyaa akka dhaabatu jaarsa ta’uuf yaaluu isaani ibsu homaa hin jedhu. Barruun toora-intarneeta irra jiru mata-duree Fesbuukii irratti maxxanfameen wal hin fakkaatu. Mata-dureen baruu toora-intarneeticha irra jiruus “Erdoogaan lolli Tigraay Itoophiya nagayaan akka hikaamu deegare” jadha. Barruu keesas Erdoogaan “…loolli Tigraay Itoophiya godaansa kan kuma kudhanoota fi sodaa beelaa miliiyoonoota uume kana nagayaan akka hikaamu deegare.” Jedhuu isaani ibsame. Barruun Erdoogaan Turk waldhabina dangaa Itoophiyaa fi Suudaan jeduu jiruu jarsaa taate hiikuuf fedhii akka qabdu ibsu isaanis ni hima.

Fakkii: Associated Press

Possti Fesbuuki fi barruu toora-intarneticha jeduu wal-qunamtii kijibaa wan jiruuf HaqCheck poosti Fesbuukii kana MATA-DUREE DOGOGGORSISAA jadhee madaale.

Suuraan dandii Finfinnee fi Bahir Dar waliin qunnamu Waraana Bilisummaa Oromoon cufuu isaa ni ibsaa?

Postiin Feesbuukii suuraa jaha waliin maxxanfame fi WBOn karaa Finfinnee fi Bahir Dar waliin qunnamu cufuu isaa ibsu midiyaa hawasaa irratti bayyinaan mul’atee ture.

Poostichi Hagayya 7,2013 ALI maxxanfame WBOn torbee dura akka akeekkachiisaa turee ibsa.

Haqcheck Poostichaafi Suuraa qoratee SOBA Jedhee madale.

Asfaaltiin Finfinnee fi kapitaala naannoo Amaaraa Bahir Dar waliin qunnamu Hagayaa 7 2013 ALI sababa jogoo lafaatin cufame. Sababni cufiinsi isaas gaarri asfaltiicha maddii jiru irraa dhagaanifi kattaan jogoodhan irratti dhangalaa’u isaati.

Kanaafuu geejibni magaaloota lamaan jeeduu jiru yeroodhaf dhabbachuun isaa midiiyoota adda-addaan FBC, EBC fi EPA dabalee gabasame.

Dhihootti ABUT fi WBOn Mana mari bakka bu’oota Ummataatin <Shoroorkeestoota> Jedhamuunifi qaamoon lamaanis mootumma feedaralaa falmuuf michoomina uumuun galuun isaani ni yaadatama.

ABOn kutaa ABO ta’ee sibiilaam falmuun ka beekamu yoo ta’u , ABUTmoo sadasaa 2013 ALI irraa kaasee Mootummaa  feedaralaa waliin lola keessaa jirudha.

Poostin Midiyaan hawaasa erga guyyoottan loltoonni lamaan michoomina umaan booda ummame. Poostiin kan kaasus karichi Hagayya 6, 2013 ALI halkaan baqaqsanihodhuu lolaa ABOtiin cufamuu isaati.

Haata’u malee suuraan Poosttichi fayyadame kun akka midiyoota adda-addaa irrati gabasameeti karaan Finfinnee – Gojjaam geesu sababa jogoo lafaatin cufame.

Kanafuu Haqcheck suuraa gogoogoraa fayyadamuu isaatin Poosticha SOBA jedhee madale.

Exit mobile version